Baankii Daldala Itoophiyaatti Distriiktiin Adaamaa Ayyaana Idal-Fixrii Dhufu Sababeeffachuun Harka Qalleeyyiif Deeggarsa Meeshaalee Nyaataa Taasise.

Deeggarsi kan taasifame  harka qalleeyyii magaalaa Adaamaa keessa jiraatan 250f yoo ta’u tokkoon tokkoosaaniitiifis ruuziin  kiloogiraama 25 fi zeytiin nyaataa liitirri sadii laatameera.

Waliigalatti qarshiin kuma 700 gargaarsa kennameef baasii ta’eera jedhan daareektarri distriiktichaa obboo Malkaamuu Deessisaa.

Baankiin daldala Itoophiyaa gargaarsa hawaasa harka qalleeyyiif taasisuu fi  kana dura eegale cimsee itti fufuun aantummaa ummataaf qabu agarsiisaaras jedhan.

Hojiin kun gama biraatiin kanneen birootiif fakkeenya ta’uun kaka’uumsa keessatti uumuu danda’a jechuun dubbatan.

Pirezidaantii Ittaanaan CBE Nuur obboo Nuurii Huseen,Itti Gaafatamaan Waajjira Kantibaa Magaalaa Adaamaa obboo Makuraa Dinquu argamuun deeggarsicha laataniiru.

Aadaa walgargaarsaa hawaasa keessa jiru bu’uureffachuun baankiin keenya maaddii qoodurratti xiyyeeffatee hojjataa jedhan pirezidaantii Ittaanaan CBE Nuur obboo Nuurii Huseen.

  Itti Gaafatamaan Waajjira Kantibaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa obboo Makuraa Dinquu baankichi hojii faayinaasnii sochoosu maddiitti tajaajila hawaasaatiin hojiin raawwatu fakkeenyummaa guddaa kan qabuudha jedhan.

Deeggarsa harka qalleeyyii magaalattii keessa jiraaniif taasifameefis baankicha galateeffatanii dhaabbileen biroos fakkenyummaa kana akka fudhatan dhaaman obboo Makuraan.

Kanneen deeggarsa argatanii dubbifne gama isaaniitiin galateeffachuun eebbisaniiru.

Xaahir Gammaduutu Gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *