“Magaalattii keessatti hojiileen misoomaa gurguddoo gama hundaan hojjetamaa jiran akka itti fufaniif gaachanni sirnaa gahee olaanaa qaba” jedhan kantiibaan magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee

Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa moseensota Gaachana sirnaa kuma 8 ol sadarkaa Aanotaatti leenji’aa turan eebbise.


Sagantaa eebbaa kana irratti qaamoolee ol aanoo Oromiyaa, magaalaa, kutaalee magaalaa fi qamooleen hawaasaa garaagaraa argamaniiru.

Haasaa baga nagaan dhuftanii kan taasiisan itti gaafatamaa waajjira Milishaa magaalaa Adaamaa Obbo Yaamii Jaanoo leenjiin gaachana sirna guyyaa 24’f kennamaa turu himani caasaan nageenya birmadummaa biyyaa kabachiisuu keessatti ga’e guddaa bahataa jiru jedhan.

Miseensonni Gaachana sirnaa leenji’anii eebbifamanis kumaa 8032 ta’u dubbatanii leenjichis matadureewwan loltummaa, heera mootummaa fi yakka ittisuu irratti kennamaa turuu himan.

Kantiibaan magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee qabsoo uummanni Oromoo bara dheeraaf taasisaa tureen badhaadhinni argamuu yaadachiisanii motummaan karoora guddaa baafachuun galmaan ga’uuf kan karoorfate keessaa nageenya waaraa buusuuf ta’us himani nageenyaa amansiisaa biyyaa eeguuf Gaachanni sirna hundaa’uu kaasan.

Magaalattii keessatti hojiileen misoomaa gurguddoo gama hundaan hojjetamaa jiran akka itti fufaniif gaachanni sirnaa qindoomina qaamolee nageenyaa biroo fi hawaasa waliin qabu cimsuun amanamumman akka tajaajilan dhaamaniiru.

Sadarkaa naannoo Oromiyaa irraa eebbaa kana irratti argamuun ergaa kan dabarsan Hogganaan Waajjira Milishaa Oromiyaa Obbo Abarraa Buunnoo sirnoonni darbaan Aadaa fi duudhaa Oromoo cabsaa turu yaadachisaani uummanni Oromoo qabsoo taasiseen yeroo amma sirnoonni garaagaraa Aadaa fi duudhaa uummata Oromoo agarsiisan hunda’aa jirachuu himan. Isaan keessas tokko Gaachana sirnaa ta’uu dubbatan.

Nageenyii waa mara dursa kan jedhan Obbo Abarraan miseensa Gaachana sirna kan taatan hundi nageenya magaalaa keessani kabachiisuun imaanaa ummatni isinitti kennee galmaan ga’u qabdu jedhan.

Xumura irrattis qaamoleee leenjii gaachana sirnaa kennamaa ture irratti gahee isaanii bahachaa turaniif waraqaan ragaafi badhaasni kennameera. Yoordaanos Mokonnintu gabaase

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *