parazidaantiin Mana murtii olaanaa magaalaa Adaamaa obbo Maammoo Tusiin manneen Martin hojimaata isaanii ammayyeessun tajajila seeraa qulqulluufi si’ataa kennuu qabu jedan.Manni Murtii Olaanaa magaalaa Adaamaa gamaaggama raawwii hojii kurmaana 3ffaa bara 2016 manneen murtii Aanaa  kutaalee magaalootaa waliin gaggeesse.Haasawa baniinsaa kan taasisan parazidaantiin mana murtii olaanaa magaalaa Adaamaa obbo Maammoo Tusii akka jedhanitti kenna tajaajila dhaqabamaa ,si’ataa ,haqaafi iftoomina qabu  kennuun foyya’insii gaarii dhufuu ibsuun manneen murtii Aanaa kutaalee  magaaloota irratti komiin kanaan dura ka’aa ture xiqachaa dhufu ibsan.Gamaggamnii raawwii hojii kurmaana 3ffa gaggeffamu kun ciminoota jiran itti fufsiisaa hanqinoota jiran galtee kurmaana 4ffaa taasifachuuf ta’uu ibsan.

Gabaasnii raawwii hojii manneen murtii Aanaa kutaalee magaalootaa kurmaana 3ffaa dhiyaate keessatti meeshalee tajaajila qunnamtii odeeffannootti fayyadamuu, galmeewwan yakkoota gara garaa murta’an iskaan gochuu, yeroo boqonnaa gannaa abboottin seeraa hojjachuu ,mana murtii aadaa waliin qindoomina cimaa uumuu, ragaa sobaa ittisuu irrratti fi biroo akka ciminaatti  ibsamuun humna namaa jiraachuu dhabuu, galmeewwan akkaataa barbaadamuun sochoosuu dhabuu fi ragaalee bifa ammayyaatin qabachurratti akka hanqinaatti gabaasa dhiyaate keessatti ibsamee jira.

Gabaasa raawwii hojii kurmaana 3ffaa mana murtii olaanaa magaalaa Adaamaa kan dhiyyeessan parazidaantiin mana murtii olaanaa magaalaa Adaamaa obbo Maammoo Tusii tajaajila abbaa seerummaa foyyeessuu, meeshalee teeknolojitti fayyadamuu, mana murtii aadaa cimsuu, yunivarsitoota gara garaa waliin hariiroo gaarii qabaachuun waliin hojjachuu, komii uummataa xiqachaa dhufuun waligalaan  sadarkaa mana murtii olaanaatti galmeewwan 2,337 keessaa 2,105 furmaata  kan argatan ta’uu ibsuun sadarkaa manneen murtii Aanaaleetti raawwiin gaariin galmaa’uu ibsan.

Kana malees  sadarkaa manneen murtii Aanaa kutaalee magaalootaa fi mana murtii olaanaa magaalaa Adaamaatti galmeewwan murtii argatankuma 10 ol  iskaan gochuun danda’amuu ibsan.

Raawwii hojii  kur.3ffaa keessatti hanqina baajataa ,hanqina meeshalee TQO, mijaayina iddoo hojii jiraachuu dhabuu, itti fayyadama teeknolojii keessaa fi alaa laafaa ta’uu yeroo itti aanuuf furmaata akka argatan sochii taasisaa jiraachuu ibsan.

Abbootti seeraa fi Parazidaantoonni manneen murtii Aanaa  kutaalee  magaalootaa tokko tokko akka yaada kennanitti  itti qufiinsa hawaasaa mirkaneessaa komii jiru xiqeessaa deemuun hojiin raawwii foyyee ta’e argamaniis hanqinootaa fi rakkoolee jiran kurmaana 4ffaa keessatti maqsuuf xiyyeefannaan kan hojjatan ta’uu ibsan.

Daareektara daareektoreetti kenninsa abbaa seeraa mana murtii waliigala Oromiyaa obbo Makkoniin raaggaasaa raadiyoo ABS yaada kennun akka jedhanitti gabaasni raawwii hojii  kurmaana 3ffaa akka manneen murtii Aanaalee fi mana murtii olaanaa magaalaa Adaamaatiin dhiyaate keessatti hojjileen gurguddoo kanneen kenna tajaajila siistamaa hojjira olchuu jalqabanii as faddaaltoota seeraan ala socho’uun hawaasa burjaajeessan to’achuun komii uummataa xiqaachuun  jijjiramnii guddaa dhufaa jira jedhan.
Taayyee Abarraatu gabaase

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *