Waajjirri siivil seervisii fi qabeenya namaa magaalaa Adaamaa hojjettoota mootummaa magaalichaaf leenjii dandeettii raawwachiistummaa cimsu kenne.

Leenjicha irratti itti gaafatamaa Waajjira Kantibaa Bulchiinsa magaalaa Adaamaa Obbo Makuriyaa Dinquu,Dursaa garee hoggansa humna namaa  Bulchiinsa magaalaa Adaamaa Obbo Indaashewu zawudee ,hojjettoota mootummaa seektaraalee addaa addaa aanaalee sadarkaan Jiran irratti argamaniiru.

Saganticha irratti haasawaa  kan taasisan itti gaafatamaan Waajjira Kantibaa Bulchiinsa magaalaa Adaamaa Obbo Makuriyaa Dinquu leenjichi kaayyoon isaa hubannoowwan irra deebiidhaan labsii ,dambii fi qajeelfamoota  Mootummaan naannoo Oromiyaa baase hordofee kan kennamu ta’uu himan.keessattuu Leenjiin mataa isaatiin galma osoo hintaane dandeettii raawwachiisummaa kan dabaluudha jedhan.galma xumuraa kan tahuu danda’u Leenjii fudhatamee hojiitti hiikuun madaalamuutu irra jiraata jedhan.

Itti dabaluunis leenjichi madaalamuun hamma beeknu hubachuu ,olaantummaa seeraa kabachiisuu, aantummaa uummataa, dhimma fayyadama teknoloojjii murteessaa ta’uu himan.

Hojjettootni mootummaa Leenjicharratti argaman tokko tokkos gamasaaniin leenjichi hojii itti aanu hojjechuuf kan nu kakaasuufi jajjabeessuudha jedhan .haaluma kanaan dhimmoota heyyama waggaa, kan yeroo gaddaa,kan yeroo gaa’ilaa xiqqateera waanta’eef ilaalamuun furmaata itti nuuf haata’u jedhan. 

Yaada hirmaattonni kaasan irratti  kallatti gara fuula duraa kan Kennan  Dursaan garee hoggansaa qabeenya humna namaa Bulchiinsa magaalaa Adaamaa Obbo Indaashewu zawudee qajeelfamni gaafa bahu wixineewwan qabatamaa jiruun murtaa’uu akka danda’u himan. Kanumaanis haala jirummoo hawaasummaan waliin ilaaluun ni danda’ama jedhan.itti dabaluunis Namoonni hojii gadii dhiisanii deemu yoo kan rakkina qabu yoo ta’e ragaalee qabatamaa dhiyeeffachuun yeroo murtaa’eef keessatti  hojiitti deebi’uu kan danda’u ta’uu himan.

Amaanu’eel Daggafaa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *