Komishiniin Naamusaafi Farra Malaamaltummaa Oromiyaa Damee giddu gala Bahaa qondaaltota naamusaa aanaalee godina shawaa bahaafi magaalaa Adaamaatiif leenjii   Hubannoo cimsu kenne.

Komishiinichi leenjii kan kenne qaamolee
  Deeggarsaafi hordoffii dhimmoota naamusaa fi farra malaamaltummaa Godina shawaa Bahaa , Magaalaa Adaamaa fi Aanaa Adaamaatiif  kenne.
haasawa baniinsaa kan taasisan
Komishiinarri Komisshiinii Naamusaafi Farra Maalmaltumma Naannoo Oromiyaa Obbo Abdallaa Ogatee akka jedhanitti Kaayyoon leenjichaa qajeelfamaafi dambii bu’uura taasifachuun rakkoo uumamuu malu fi hojmaata badaa dhabamsiisuufi Dhaloota namusa gaarii qabu horachuun itti fufsiisuu ta’uu himan.
Leenjichi mata duree lamaa gurguddoo kanneen akka dambiifi ittiin bulmaata hojmaata hojiitiin yakkoota  raawatamuu malu ittisuufi,aadaaf duudhaa akkasumas safuu ummata Oromootiin hojmaata badaa dhabamsiisuun gahee hojichaaf qaban akka bahaniif ta’uu ,barreeffama leenjichaaf dhiyaateen ibsameera.

Keessattuu gochi malaamaltummaa raawwatamu tokko, diinagdee biyyattii quucarsuu,daangaa biyyattiis darbee biyyoota birootti babal’atuun  gaaga’ama nageenyaafi lubbuus waan dhaqqabsiisuu dnda’uuf, gochi akkasii kun hubannoo wal irraa hin cinne kan  barbaadu akka ta’eefi hojmaata hojichaan ittisuun seericha hojii irra oolchuu akka ta’e ibsameera.

Gama birootiin gochoota malaamaltummaa raawwatamuu malu ittisuuf aadaafi duudhaan ummatichaa safuun dabaalame,  gocha badaa ittisuufi balaaleffachuu keessatti shoora    guddaa qabaachuu ibsanii, gama kanaanis irratti akka hojjatamu bal’innaan ibsameera.

Hirmaattonni leenjicharratti hirmaatan kanneen yaada kennan leenjichaatti gammaduu himanii, gara fuulduraattis leenjichi itti fufiinsaa akka qabaatuu,qajeelfamaafi dambii hojichaan akka hojjatamuufi safuuf duudhaa ummatichaan hojichi akka dabaalamu gaafatan.

Itti dabaluun  aadaa ummatichaa deebisuuf duudhaa sirni ummaticha qabu caalmatti lafa qabsiisuun  dhimma ijoo hojichaaf galtee ta’uu qabu ta’uus  kaasan.

Komisshiinii Naamusaafi Farra Maalmaltumma Naannoo Oromiyaatti  Itti aantuun komishiiiraa  Aadde Abbaynesh Tafarraa
Yaada hirmaattotaaf ibsa kennaniin manni hojichaa hojicha itti kenname milkeessuuf, ergamaafi mul’ata kennameef fudhatee naamusa sirrii ta’e diriirsuun cinatti , hundi  qindoominnaan gahee isaa bahachuun  naamusa daagaagsuu fi qabso naamuusa farra malaamaltummaa cimaa finiinsuu akka qaban dhaaman.

Komishiinarri Komisshiinii Naamusaafi Farra Maalmaltumma Naannoo Oromiyaa Obbo Abdallaa Ogatee Kallattii hojii itti aanuu kennaniin ogeessi kamiyyuu  quuqamaafi haqaan  Ummata isaa tajaajiluun jijjiirama biyyaa fiduuf hojjachuu akka qabu kallattii kaa’aniiru.

Gabaasni kan Madiinaa Jaarsooti

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *