Manni Marii Magaalaa Adaamaa Yaa’ii Idilee 43ffaa Bara Hojii2ffaa Waggaa 11ffaasaa Taa’e


Yaa’ichi Eebba Maanguddootaatti haasaa af-yaa’ii Mana Maree Magaalaa Adaamaa addee Immabeet Jibbaa taasisan aansuun eegale.

Gabaasa Raawwii hojii Kurmaana 3ffaa waajjira Qonnaa Magaalaa Adaamaa,waajjira Milishaa Magaalaa Adaamaa akkasumas waajjira Abbaa Alangaa magaalichaa dhiyaatu dhaggeeffachuun irratti mariyatameera.

Gabaasni koreelee dhaabbiis ni dhiyaatan kan eeggamu yoo ta’u muudamni hooggantoota seektaraalee adda addaa, wiixineen taarifa kaffaltii baaxii fi gooroo mana waliinii /kondominiyemii/ fi labsiin bajata dabalataa keessaas ajandaa mariitiin hammatamaniiru.

Jamaal Kadiiritu Gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *