Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti giddu galli waamicha bilisaa/free call center/fi Digital Attendansiin ifatti eebbifamee hojii eegale.

04/05/2015

ABS(Adama Broadcasting Service)

Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti giddu galli waamicha bilisaa/free call center/fi Digital Attendansiin ifatti eebbifamee hojii eegale.

Magaalicha kessatti pirojeektiin smart city hedduun kan hojjetame yoo ta’u pirojektiin digital Attendansi fi gidduu galli bilbilaa bilisaas qaama pirojektichaati.

*********************************************

Barbaachisummaan digital Attendansii hojjattoota hojii dirre ba’an hordofuu, Mindaa peeroolin walitti hidhuu, Hojjattoota Hojii irra jiranii fi hin jirre adda Baasuu akkasumas gidduu galli bilbilaa bilisa balaawwan tasaa umamaamanirratti eeruu kennuu fi hirmanna qooda fudhaatota cimsuuf hawwasni bakka kamu taa’ee wajjiraalee gara gara akka qunnamuu danda’uu himame.

Kantiibaan Magaalaa Adaamaa Obbo Haayiluu Jaldee Haasa Bagaa nagaan dhuftanii taasisuun rakkoo wal xaxaa kessa teenyee Adaamaa smart city goona jennee yeroo yaadaa turretti nu rakkisee ture.

Garuu dirqama jalqabuu qabna wan ta’eef galmoota kudhaan qabannee kaanee galmoota kana kessaas muraasni Mottummaa cimaa magaalichaaf ijaaruu,digitaal Adaamaa, Haawaasa Ciimsa Adeemuu fi k.k.f dha jechuun Magaalaa keenya kessatti hojiilee gurguddaa hojjenne jirra yeroo dhiyootti Adaamaa smart city ni goonaa jedhan.

Gabaasa pirojeektii smart Adaamaa kaan dhiyessan qindeessaan yaadaama smart city Magaalaa Adaamaa injinaar Muktaar Jeeyilaan Gabaasa dhiyyeessan kessatti sakkata’ainsa gara gara tasisuun kana kessatti tarkanfiin fudhatamee to’annoo hojetaa motummaa cimsuu hawaasaaf leenjii garaagaraa keennuun hubannoo hawaasaa cimsuun danda’amera.

CCTV kaameeraan wal qabatee kan kessaa fi kan alaa jechuun addaa baasnee wajjiraalee kessatti akkasumas Magaalaa kessatti marsaa jalqabaatiin nanno k.m 8 kan to’achuu danda’u kaameeraa gurguddaa lama keenyee jirra jechuun Hanqina fi ciminaa jiruu yeeroo ibsaan Qorannoowwan garagaraa gaggessuu, Afaan sadiin karoorfame hojeechuun ciimina keenyaa yoo ta’u hanqinni jiru ammo hanqina loojistiksi,akkasumas saffisaan hojjechuu dhabuu dha jedhan.

Itti gafatamaan Tarsiimoo Bu’uuraalee Networkii fi Bulchiinsa Pirojeektii itiyoo telekoom obbo Yohannis Getahuun magaalaa kana smart gochuu kessatti itiyoo telekoom hojii hojjete keessaa tokko networkii dhaloota shanaffaa magalaatti kessatti jalqabsiisuun saffisni networkii akka jiraatu gochuu ta’uu dubbatan.

Wajjira Perezdaantii Motummaa Nannoo Oromiyaa irra bakka bu’uun haasaa kan tasisaan Dr.Yaareed Tashoomaa akka ibsanitti smart city uumuuf hawaasani smart ta’e jirachuu qaba jechuun akka nannoo oromiyatti Magaalota jiran kessaa hojiilee magaalaa isaanii smart gochuu danda’an kan eegaalaan magaaloota sadii yoo ta’an Adaamaan ishee tokko dha.

Kanaafuu hojii egaaltan kana ciminaan itti fufsiisuu qabdu jedhan.

Hirmaattonni Eebba kana irratti argamanis pirojeektiin smart city kun sadarkaa kana irra ga’uu isatti gammadu fi hawwasni hundi qaama hojii kana hojjetu ciinaa dhabachuun yaadaan akka jajjabeessan himan.

Gabaasni kan Yordaanos Mokonnin.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *