Muldhata Smart Adama Milkeessuu

05/05/2015

ABS(Adama Broadcasting Service)

Muldhata Smart Adama Milkeessuu Keessatti Qulqullini Naannoo Idilaa’e Shoora Olaanaa Qaba jedhan Hoji Gaggeessaan Mana Qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obboo Mangistu Nageessoo.

Magaalaa Adaamaatti Sagantaan Duula Hojii Qulqullinaa Idilee Torbanii Eegaleera.

***************************************

Magaalaan Adaamaa keessuummoota hawwattuu fi jiraattotaaf mijattuu gochuun magaalaa jijjiiramni hunda galeessi itti galmaa’u taasisuuf karoorfamee hojitti erga seenamee bubbuleera.

Kanumaanis bu’aaleen lakkaa’amu muldhataniiru.

Dhimmoota milkaa’ina kanaaf bu’uura kaa’an keessaa tokko qulqullinaa fi magaariisummaa magaalattii yoo ta’u,caalmattimmoo milkeessuu akka danda’u ququllina magaalattiirratti sagantaa idileetiin raawwachuuf hojiitti galameera.

Sagantaan duula ququllinaa idileessuu kun guyyaa hardhaa kutaa magaalattii hunda keessatti balfa qulqulleessuuttin eegalameera.

Sagantaa kanarratti Hoji gaggeessaan mana qopheessaa bulchiinsa Magaalaa Adaamaa obboo Mangistuu Nageessoo akkasumas Itti Gaafatamaan damee tajaajila mana qopheessaa obboo Kokkab Akliluu argamuun miseensota sagantaa wabii nyaataa fi fooyya’iinsa jireenyaa waliin ta’uun daandii qulqulleessaniiru.

Hoji gaggeessaan mana qopheessaa bulchiinsa magaalaa Adaamaa Obboo Mangistuu Nageessoo duula qulqullinaa kana bifa idilaa’een gaggeessuuf guyyaa kan eegalchiifne jedhan.

Quqlullina qe’ee keenyarraa kaanee yoo eegne magaalaa hawwattuu fi jireenyaaf mijattuu taate uumuu dandeenya kan jedhan obboo Mangistuun hundumtuu sagantaa quqlullina idileerratti akka hirmaatu dhaaman.

Jamaal Kadiirtu gabaase

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice

Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa

tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama

SMS_9635

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *