Waa’ee Adama Broadcasting Service

  Hiikkaa loogoo Adama Broadcasting service( ABS)

  Hiikkaa loogoo Adama Broadcasting service( ABS)

1. Haala Waliigalaa

Seensa

 Magaalaan Adaamaa sarara misoomaa Daandii Baaburaa Dirree Dhawaa Finfinnee bara 1902-1916 A.L.I. eegalamee ture irratti hundaa’un Bara 1908 A.L.I.tti kan hunddeeffamtee fi teessoo mootummaa biyyooleessaa kan taate Finfinneerraa gara bahaatti K.M. 84 fagaattee kan argamtu magaalaa gudditti teessoo galma Caffee Oromiyaati.

Adaamaan giddu-gala teessoo paarkii Industirii Guddicha Adaamaa, teessoo Yuunivarsiitii Saayinsiif Teeknooloojii Adaamaa, akkasumas teessoo Siidaa Wareegamtoota Oromoo fi Galma Abbaa Gadaa ta’uun beekkamti.

Magaalli Adaamaa Carraawwan qabdu kanatti fayyadamtee jiraattota offitiifi  qaamolee alarraa gara magaalaa keenyati dhufanii investi godhaniifi rakkolee bulchiinsa gaarii jiru maqsuuf jechaa bara 2010 gaaffii ummataatiin Miidiyaa FM Sagalee Adaamaa 100.7  bu’uura labsii lakk 533/99 ba’een “Raadiyoo FM Sagalee Adaamaa 100.7 ”hundeesuun tamsaasa yaalii eegaluun waxabajjii 25/bara2012 bakka prezadaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa  Argamanitti eebifamee hojii tamsaasa jalqabee.     

Haaluma kanaan ergamaafi mul’ata qabate galmaan ga’uuf odeeffannoofi oduu waytawaa, madaalawaa ta’an akkasumas qophiilee bohaarsaa barsiisan tamsaasa Raadiyoon dambalii 100.7 irratti magaalaa Adaamaa irraa  raadiyeesii hanga KM 600 Uwwisuun Uummataaf kan tamsaasu Waan ta’eefis miidiyaa filatamaa, dorgomaa fi hawwatamummaa gaarii qabu ta’uu danda’ee jira.

Bu’uurumaa kannan fedhiin Ummata yeroo gara yerootti dabalaa dhufuun Gara  Adama Broadcasting service( ABS) jedhuutii akka ol guddatuuf gaafii dhiyachaa jiruun fedhii uummataa guutuu jecha bu’uura labsii 1238/2013/14 baheen  Adama Broadcasting service( ABS) Waldaa Miidiyaa Ummataa fi mootumaa  kan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa ta’ee  kan bu’aadhaaf hinhundoofne/nonprofitable/   ta’ee  akka hunda’uuf  barruu ka’umsa Hundeeffamaa ta’uun Qopha’ee jira.

1.1. Kaayyoo

Sona Ogummaa fi Ilaalicha Sab-daneessummaa kabajuun Aadaa,seenaa duudhaafi afaan oromoo dagaagsuu  Dimokraasii gabbisuun  bilisa ta’ee dhaabbachuun  Oddeefannoo barsiisoofi bashsannansiisoo  wayitawaa, dhugaafi madaalawaa ta’an tamsaasuun  dhaqqabamummaasaa dabalaa miidiyaa Dorgoomaa ta’e uumuudha. 

1.2. Barbaachisummaa

Fedhii maddoota odeeffannoo filatamoofi itti fayyadama miidiyaa jiraattota magaalaa keenyaa biratti mul’achaa jiruufi gaafiin isaanii dabalaa dhufuun mallatoo fedhiin ummataa namootaa 1000 ol ta’an ittin Sassaabamee ni agarsisaa .

Kanaafuu jiraattotni magaalaa waan gurraan dhagahaan ijaan arguuf  raadiyoo   sagalee Adaamaan cinatti televizyiinii dorgomaa ta,e tokko qabaachuu gaaffii isaan dhiheessan bu’uura taasifachuun qajeelfama misooma miidiyaa akka biyyaatti jiruun karaa wal simatuun raadiyoon duraan ture gara Adaamaa Broadcast Service( ABS)n jedhutti akka ol guddatuuf jecha bu’uura labsii 1238/2013/14 baheen  Adama Broadcast service( ABS)n Waldaa Miidiyaa Ummataa fi mootumaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa ta’ee hunda’e qoratamee dhiyaatedha..

Haaluma kanaan muuxannoo hundeefama  miidiyaalee biyya keessa jiran waliin dhaabbaticha dorgomaa kan taasisu akka ta’uuf jechaa caasan humna nama  ABS yoo Iskeelii mindaa midiyaalee buleeyyii biyyaa keessa hojechaa jiran kan akka OBN , EBC, WALTA, Amaaraa TV, FBC,OBS,Walayita TV fi kanneen biroo dabalatee kan ogeessotni  ogummaa wal fakkaatu qaban  fayyadaman ilaaluun qoratameera.

1.3.Mul’ata (vision)

Adama broadcasting service Bara 2030tti miidiyaa dorgomaa, dhaqqabamaa, filatamaafi fedhii lammiilee bu’uureffate ta’ee arguudha.

1.4. Ergama (Mission)

Teekinoolojii Miidiyaa ammayyaatti fayyadamuun, Odeeffannoo fi sagantaalee barsiisoofi bashannansiisoo, akkasumas waayitaawaa, madaalawaa, qulqulluu ta’an  dhiyeessuun   ummanni ijaarsa sirna dimokraasii fi misooma  keessatti ga`eesaa akka ba`u gochuu, maqaa gaarii magaalaafi  naannichaa ijaaruu fi ilaalcha tokkummaa biyyaalessaa uumuu.

1.5  Galma

  • Hawaasni keenya mirgaa fi dirqama heeraan kennameef  beekee akka fayyadamu  hubannoo yeroo yeroon argatu irraa ka’ee waa’ee magaalaa fi biyya isaa akka quuqamuu fi hirmaannaan kanaan dura ture dachaan akka dabalu gochuu
  • Hawaasni amantaa fi itti qufinsii mootummaa irra qabu akka gudatuu fi  utubaa sirna keenyaa kanneen ta’an hojiiwwan misoomaa, demokiraasii fi nageenyaa mirkaneessuu keessatti abbummaan akka hirmaatu taasisuu.
  • Mootummaa fi hawaasa jiraataa jidduutti riqichi bu’uraa ijaaramee tajaajilli iftoomina qabu akka kennamu taasisuun itti quufinsa maamilaa dachaan dabaluun kanneen  ijoodha.
  • Fayyadamuumaan ummataa  dursa akka argatu hojjechuu
  • Aadaa fi duudhaan Ummata Oromoo fi biyyaa akka cimee deemuu taasisu.

1.6 Duudhaalee  Adama Broadcast service( ABS)

  • Amanamummaa                                          
  • Qaqqabamummaa 
  • Naamuusa Ogummaa
  • Seera Kabajuu   

1.7 Maammiltoota fi Dhimmamtoota Adama  Broadcast service( ABS)

        A.Maammiltoota

  • Mootummaa
  • Uummata
    • Miidiyaa

           B. Dhimmamtoota

  • Waajjira Mana Maree Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa
  • Qaamolee Raawwachiiftuu Bulchiinsa magaalaa Adaamaa
  • Dhaabilee Barnootaa
  • Dhaabbilee Sivikii Adda Addaa
  • Dhaabilee Hawaasaa
  • Abbootii Qabeenyaa
  • Darggagootaa fi Dubartoota                              

 

A.Odaa : gaaddisa tokkummaa oromooti..

B.Abbaa gadaa;Gaggeessaa sirna gadaa oromoo.

C. Maakiraafoonii/Mic/ Miidiyaaleen Adaamaa/ ABS /Raadiyoo sagalee Adaamaa fi fuulli Facebook/ Adaamaa sagalee uummataa ta’anii jijjiirama utubuun milkaa’ina faarsanii hanqina qeequ.

D..Dambalii/ wave/ Tamsaasni TV /ABS/ dambalii qilleensaan addunyaa guutuurratti akka dhagahamu ykn dhaggeeffatamu taasisna.

E.ABS: Adama Broadcasting Service wal duraa duuba qubee halluu alaabaa abbaa gadaa kan qaban ta’ee halluun magariisaa odaa jiidhinaafi qe’ee misoomaa oromiyaa ibsa.`

F.Ulee abbaa gadaa; mallattoo sirna gadaa faajjii oromummaa

  1.  Aangoo fi Hojii  Dhaabbatichaa

ABS  Aangoo fi hojii armaan gadii mana marii Magaalaattiin labsamee  danbiin keenameef ni qabaata

  1. Uummata magaaliichaa fi naannawa isheetti argamuuf oduu,beeksisoota fi odeeffannoo  faayidaa qaban raadiyoo fi Televizhiniin  ni tamsaasa.
  2. Kallattii imaammataa, tarsiimoo fi seerota Mootummaan baase uummata magaalichaa fi naannawa isheetti argamuuf ni tamsaasa ykn beeksisa.
  3. Ummanni magaaliichaa fi naannawa ishee waa’ee mirga namoomaa fi dimokiraasii iraatti hubannoo isaa gabbisuuf kan gargaaran qophiilee adda addaa muuxxannoowwan isaa wajjin walsimsiisee  raadiyoo fi Televizhiniidhaan ni dhiyeessa.
  4. Yaadaa fi odeeffannoowwan bilisaa uummata irraa fudhatee ni keessumsiisa. Qaamolee dhimmichi ilaalu gaafachuun ni qulqulleessaa; bu’aa isaas deebisee uummataaf ni ibsa.
  5. Beekumsa uummataa kan gabbisan, sagantaa qophiilee bohaartii fi bashannanaa, barreeffamoota adda addaa, ABSn tamsa’uu hojjetee ni tamsaasa.
  6. Dhimmoota dinagdee, Siyaasaa fi hawaasummaa wayitaawaa hordofee ni tamsaasa.
  7. Tajaajila kennuuf kaffaltii walgitu ni kaffalchiisa akka barbaachisummaa isaattis walakkeessaan ykn guutumman guutuutti kaffaltii malee tajaajila kennuu ni danda’a.
  8. Seera irratti hundaa’uudhaan dhaabbile biyya keessaa fi alaa  wajjiin odeeffannoowwan oduuwwan , leenjii muuxannoo wal-jijjiiruuf kan gargaaru quunnamtii hojii ni uuma.
  9. Dhaabbilee biyya keessaa fi ala jiranii fi ogummaa teeknikaa dhaabbatichaa gabbisuuf gargaarsa gochuuf fedhii   qaban wajjin imaammataa fi seerota naannoo fi kan biyyaa irratti hundaa’uudhaan waliin ni hojjeta.

1.11.Haala Tamsaassaa ABS

 1.11.1 Afaan Tamsaassaa

ABS Yeroof  Tamsaasa isa Affaan Oromoofi fi Amaaraattin ni jalqabaa Sababnii issalee gara fuladuraatti kan afaanoota biroo dabalatuu ta’uus bu’uuraa hundeeffamaa isaa irra yoo illaaluu magaalaa Adaamaa fi naannawwaa isheetti saboonii biroo jiraatanilee haarkii baay’een  Affaan Oromoo fi Amaaraa kan dubatanii dha kanaafuu yeroof  Affan lamaan kan eegalu ta’aa 

1.11.2 Dheerina yeroo Tamsassaa

ABS yeroof Sa’attii 12 tamsaassaa innis

lakkYeroo TamsaassaaAfaan TamsassaaAfaan Tamsassaa
112:00-3:00Afaan Oromoo 
25:00-7:00Afaan Amaaraa 
37:00-9:00Afaan Oromoo 
411:00-5:00Afaan Oromoo 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *