Bulchiinsa ABS

Magaalli Adaamaa Carraawwan qabdu kanatti fayyadamtee jiraattota offitiifi  qaamolee alarraa gara magaalaa keenyati dhufanii investi godhaniifi rakkolee bulchiinsa gaarii jiru maqsuuf jechaa bara 2010 gaaffii ummataatiin Miidiyaa FM Sagalee Adaamaa 100.7  bu’uura labsii lakk 533/99 ba’een “Raadiyoo FM Sagalee Adaamaa 100.7 ”hundeesuun tamsaasa yaalii eegaluun waxabajjii 25/bara2012 bakka prezadaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa  Argamanitti eebifamee hojii tamsaasa jalqabee.     

Haaluma kanaan ergamaafi mul’ata qabate galmaan ga’uuf odeeffannoofi oduu waytawaa, madaalawaa ta’an akkasumas qophiilee bohaarsaa barsiisan tamsaasa Raadiyoon dambalii 100.7 irratti magaalaa Adaamaa irraa  raadiyeesii hanga KM 600 Uwwisuun Uummataaf kan tamsaasu Waan ta’eefis miidiyaa filatamaa, dorgomaa fi hawwatamummaa gaarii qabu ta’uu danda’ee jira.

Bu’uurumaa kannan fedhiin Ummata yeroo gara yerootti dabalaa dhufuun Gara  Adama Broadcasting service( ABS) jedhuutii akka ol guddatuuf gaafii dhiyachaa jiruun fedhii uummataa guutuu jecha bu’uura labsii 1238/2013/14 baheen  Adama Broadcasting service( ABS) Waldaa Miidiyaa Ummataa fi mootumaa  kan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa ta’ee  kan bu’aadhaaf hinhundoofne/nonprofitable/   ta’ee  akka hunda’uuf  barruu ka’umsa Hundeeffamaa ta’uun Qopha’ee jira.

Hojii Gaggeessaa Dhaabbataa Adama Broadcasting Services