Leenjii Manni Qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Hooggansaa fi Hojjattootasaa Sadarkaan Jiraniif Leenjii Hubannoo Cimsuu KenneLeenjii Manni Qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa

Qabeenya humna namaan walqabatee qajeelfama qaxarrii,jijjiirraa akkasumas guddinaarratti hooggansaa fi hojjattoota mana hojichaa sadarkaan jiraniif hubannoo kennuun mirgaa fi dirqamasaani caalmatti beekanii akka hojjatan gochuuf leenjin kun qophaa’e jedhan Hoji Gaggeessaa Ittaanaa fi Itti Gaafatamaan damee Tajaajila Mana Qopheessaa magaalaa Adaamaa Obboo Kokkab Akliluu.

Karoora tarsiimaa’aa hojiitti hiikamuu danda’u qopheesuurratti dandeettii cimsuunis qaama leenjichaa ta’uu ibsan.

Mana hojichaatti Dursaan Garee Qabeenya humna namaa obboo Tasfaayee Hordofaa gama isaaniitiin hamiiwwan hojjataan mana hojichaa yeroo caalu iddoo hojiitti hin argamu jedhu fi hojmaata giddugaleessa taasisuun dhimmicharratti xiinxaala gaggeessaa turuu kaasan.

Akka haasa’amus ta’uu baatu rakkichi akka jiru xiinxala gaggeessineen adda baafneera kan jedhan obboo Tasfayeen leenjiin kun immoo qaawwaa ture furuun tajaajila yeroon gaafatu akka kennan dandeessisaa ibsu.

Leenjichi ogeeyyii Biiroo Pablik Sarvisii fi Misooma Qabeenya namaa Oromiiyyaa dhufaniin kenname.

Mirgaa fi dirqama keenya beeknee hojii irratti bobbaaneen bu’aa olaanaa akka galmeessinuuf leenjichi galtee nuuf ta’a jedhan hirmaattota keessaa kanneen dubbifne.

Jamaal Kadiiritu Gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *