Saganticharratti Abbootiin Qabeenyaa fi Ogeeyyiin Garaagaraa,Hoggansii akkasumas Hojjettoonni magaalaa kanneen Dhimmi ilaaluu Hirmaatan.
Itti Gaagatamaan Waajjira carraa Hojii uumuuf ogummaa Bulchiinsa magaalaa Adaamaa obbo Laggasaa Taalillaa keessummoota simachuun Haasawaa Baniinsa Yeroo Taasisan akka jedhanitti Qeerroofi Qarree Hojii Dhabeeyyii Gandoota hundarra filachuun Guyyoota 30f Marsaa sadiin koolleejjii poolii Teekinikaa Adaamaatti Namoota 3610 leenjii jireenyaa ogummaa Leenjisuu himan.
warreen Hirmaachisan keessa %70 n Dubartoota Tahuu himuun, Namoonni 1806 Abbootti Qabeenyaa Hojii Garaagaraarratti bobba’aan wajjiin Bobba’uun Ji’a 6f Biiroo isaanii keessatti Hojjechuun Ogummaa akka argatan ni deeggarra jedhan.
Barreeffama Mariif tahuu kan dhiheessan,Dursa Garee carraa Hojii uumuu waajjira carraa Hojii uumuuf ogummaa Bulchiinsa magaalaa Adaamaa Obbo Faallaqaa Nuguse kaayyoon marii kana Hojii Dhabeeyyiif haala kamiin hojiin Uumamuu danda’aa isa jedhurratti,Piroojektii Haaraa Ministeerrii Carraa Hojii uumuuf ogummaa akkasumas Baankiin Addunyaa wajjiin tahuun Bocanii Gadii buusan Dargaggeeyyiin keessatti hirmaachuu qabu, aboottiin qabeenyaas Hirmaachisuu qabu jennetti jedhan.
Akka Itiyoophiyaatitti Magaaloota 11 keessatti Hojirra akka ooluu himuun,akka Naannoo keenyaatti Magaalaa Adaamaa fi Jimmaa,Shaashamanneetti carraan kun kennameera kunis waggaa sadiif itti fufa jedhan.
Barreeffama Dhihaate Booda Abbootiin Qabeenyaa Dargaggootni nu wajjiin Hojjechuuf Gara Biiroo keenyaa Dhufan fedhii Qofa yoo qabatan, Hirmaachisuun Ogummaa ni Barsisiina jedhan.
Dhumarratti Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldee
Abboottii qabeenyaa magaalaa keenyaa fi biyyaa wajjiin Qindoominaan Hojjechuun Hiyyummaa seenaani Taasisina jedhan.
Dabalatanisa Qormaata sadrkaa Addunyaatti ummataa keenyaa Rakkisa Hanqinaa midhaan nyaata,fedhii fi dhiheessin wal gituu dhabuu,
Hojii Dhabeeyyiin Yeroo gara Yerootti Baay’aachuu fiJijjiramni Haala Qilleensa isaan ijoo tahuu himuun irratti Hojjechuu qaban dhaaman.
Nus Hojii keenyaan cimne ummataa keenyaa akka Tajaajiluu fi Isiiniis abbootii qabeenyaa dhugaa tahuun walutubuun wajjiin hojjechuun magaalaa keenyaa jijjiruu qaban jedhan.
Xibabuu Hordofaatu gabaase.
Mariin akkas dargaaggoota fayyadamaa gochuuf baay’ee gaarii dha