Sagantaan dadammaqsituu Barattoota Shamarranii Hojii Uumuu irratti Xiyyeeffate Yunivarsitii Saayinsii fi Teeknoolojii Adaamaatti Gaggeeffame.


Sagantichi mata duree ‘Ni Dandeessi’/She Can/ jedhuun kan qophaa’e yoo ta’u angawootnii fi barsiisotni akkasumas barattootni shamarranii yunivarsitichaa fi keessummootni gara biraa irratti argamaniiru.

Qophichi dhaabbata deeggarsa Misoomaa Jarman/GIZ-PSDE/waliin ta’uun kan qindaa’e fi muuxannoo hojii umuurratti jiru barattoota shamarraniif qooduu fi dadammaqsuun kaayyoo isaati jedhan Qindeessaan wiirtuu Misooma Hojii Uumuu yunivarsitichaa doktar Tamasgan Dabaloo.

Pirezdaantii Ittaanaan dhimmoota qorannoo,ce’umsa teeknoolojii fi tajaajila hawaasaa yunivarsitichaa doktar Alamuu Disaasaanis argamuun haasaa taasisaniiru.

Kallattii biyyattiin lammii hojii uumu horachuu qabatte bu’uureffachuun yunivarsitiin Saayinsii fi Teeknoolojii Adaamaa wiirtuu yaadotni hojii uumuun walqabatan itti gabbatan gurmeessee socho’aa jira jedhan.

Leenjii wiirtichi kenneen barattoota yaadaa fi Kalaqa haaraan biyyatti dabrees sadarkaa adunyaatti dorgomuun beekkamtii argatan horatamuus eeran.

Hojii uumtuu fi barsiistuun yunivarsitichaa Doktar Masarat Dirribaa akkasumas Pirezdaantiin waldaa dargaggoota hojii uumtota Itoophiyaa dubree Saamiyaa Abdulqaadir barattoota shamarraniif muuxannoosaanii qoodaaniiru.

Jamaal Kadiiritu Gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *