Abbaan taayitaa eegumsa naannoo magaalaa Adaamaa waldaa hojii gamtaa kunuunsa bosonaa fi horsiisa kanniisaa Qiddus Rufaa’el waliin ta’uun biqiltuu dhaaban.


Sochiin ashaaraa magariisaa marsaa 2ffaa akka biyyaatti gaggeeffamaa jiruu amma akkuma itti fufeetti jira. Kanuma bu’uura taasifachuun hojjettoonni Abbaa taayitaa eegumsa naannoo magaalaa Adaamaa waldaa hojii gamtaa kunuunsa bosonaa fi horsiisa kanniisaa Qiddus Rufaa’el waliin ta’uun gaara Coqonuu irratti biqiltuu nyaataa fi kunuunsa biyyeef oolan dhaabaniiru.

Itti gaafatamtuun Abbaa taayitaa eegumsa naannoo magaalaa Adaamaa Aadde Lookoo Halakee, akka jedhanitti waldaaleen gara garaa kunuunsa biqiltuu irratti hirmaachaa jiran jiraachuu himanii, waldaan hojii gamtaa Qiddus Rufaa’el ammoo kaka’umsa isaan eegumsa bosonaa fi horsiisa kanniisaa irratti qaban ilaaluun; deeggarsa biqiltuu isaaniif taasifameen lafa isaaniif kenname irratti wqliin dhaabuu dubbatan.

Waldaan kunis walitti fufiinsaan hojiilee kunuunsa bosonaa kana akka cimsuuf deeggarsaa fi hordoffiin akka taasifamuufis himan.

Dura ta’aan waldaa hojii gamtaa kunuunsa bosonaa fi horsiisa kanniisaa Qiddus Rufaa’el Obbo Salamoon Kidaanee gama isaaniitiin, waldaan isaanii lafa duwwaa isaaniif kenname irratti biqiltoota gosa gara garaa dhaabuun hojii isaanii jalqabaa jiraachuu dubbatan.

Namoonni saganticha irratti hirmaatanis biqiltuu dhaabuun gaheen inni madaala qilleensaa eeguu fi dhiqama biyyee ittisuu keessatti qabu olaanaa waan ta’eef qaamni hundi dhaabbii biqiltuu kana itti fufsiisuu akka qaban dhaamaniiru. Boonaa Tasfaayeetu gabaase

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *