Alseerummaa sochii geejjibaarratti mul’atu sirreessuuf qooda fudhattoota wajjin qindoomee hojjachaa jiraachuu waajjirri geejjibaa kutaa magaalaa Daabee beeksise


Sochii dhalli namaa jireenya isaa mo’achuuf asii fi achii deemu keessatti itti faayyadamni geejjibaa bakka guddaa qaba . Geejjjibni mijataa ta’ee fi dhaqqabummaa qabu yo jiraate diinagdee qaama dhuunfaas ta’e biyya tokko kallattii hundaan fooyyessuu irratti immoo shoora olaanaa qaba.

magaalaan Adaamaas yeroo garaa yerootti guddina agarsiisuu irraan kan ka’e dhaqqabummaa fi waliin gahiinsi geejjjbaa darbee darbee rakkoo kan qabudha sababni rakkoo kanaa immoo alseerummaan geejjibaa nannaawwa sarara boobbii irratti muldhaatuu akka Sababaatti kan eeramudha.

Ejensiin geejjjbaa magaalichaas rakkoo gama geejjibaan jiru furuuf seektaricha gara kutaa magaalaatti gadi buusuun hoji maata geejjibaa si’aataa, qulqulluu fi ariifataa taasisuuf hojiitti galamee kan jiruudha.

Ejensiin geejjibaa kutaa magaalaa Daabees kallattii taa’e bu’uura godhachuun Baajaajotaa fi makiinota iddoo hin hayyamamin dhaabuun sochii tiraafikaa danquu bira darbee qabeenyaa fi lubbuu namaarra miidhaa geessisuu waan danda’uuf hubannoo kennuu fi tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuu dabalatee qooda fudhattoota wajjiin hojjetaa jira.

hawaasni kutaa magaalaa daabee dubbisne tokko tokkoo yaada ABS’f kennanin gochoonni alseerummaa adda addaa geejjibaa irratti kan mul’atu ta’u kaasuun keessattuu tajaajilamtoota iddoo jedhamee biraan gahuu dhabuu, taarifaa ol kafalchiisuu, gaariin fardaa karaa cufanii dhaabbachuu akkasumas sarara bobbiin ala socho’uun kan jiru ta’u yoo ibsan to’atoonni geejjibaa rakkoolee dabree dabree bajaajota biratti muldhatu karaa qabsiisuu qabu jechuun gaafatan.

Itti gaafatamaan waajjira Geejjibaa kutaa magaalaa daabee Obbo Habiib Qaasim tajaajila geejjibaa qulqulluu, si’ataafi dhaqqabamaa ta’e diriirsuuf hoggansi magaalaa Adaamaa xiyyeeffannoo itti kennuun caasaa geejjibaa haaraa sadarkaa kutaa magaalaatti gadi buusuun hojjechaa jiraachuu himan.

Waajjirri geejibaa kutaa magaalaa Daabee gochoota alseerummaa bobbii geejjibaa, iddoo malee dhaabbachuu fi wantoota geejjiba danquu danda’an hundaa furuuf qindoomina hoggansa kutaa magaalaa, hooggansa gandaa, Caasaa nageenyaa fi Tiraafika waliin ta’uun konkolaataawwan, baajajiwwanii fi gaarii fardaa iddoo isaanif hin malle dhaabbachuun yaaddoo nageenyaa ta’anii fi uummata balaa tiraafikaaf saaxilan, akkasumas hannaf karaa babali’isan adda baasuun hubannoon kennameefii iddoo isaaniif malu qofarra akka socha’an taasifameera jedhan.

Akka kutaa magaalaa daabeetti iddoolee geejjibaaf rakkiisaa ta’an kanneen nannaawwa gabaa Taddaasa Dabalee ykn Amadee jedhamuun waamamu fi naannawa Keellaatti xiyyeeffannoon itti kennamee hojjetamaa jirachuu dubbatan Obbo Habiib.

Gabaasni kan Tashoomaa Urgiiti.

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *