Astirooydii ykn dhagaan samii dhiyeenyatti jiraachuun barame, carraan dachee wajjin 2046tti walitti bu’uusaa daran xiqqaadha jedhe Nasa’n.

Dhaabbanni qorannoo hawaa Ameerikaa kun Kibxata darbe ture kan tiwitara gubbaatti ifoomse.

Dhagaan samii kun tarii kan lafa rukutu yoo ta’e, amma bakka bishaan daakaa dorgommii Olimpikii hin caalu jedhe.

Dhagaan samii kun tarii gaafa guyyaa jaalalleewwanii (Valentine’s Day) bara 2046 lafa qaqqabuu akka danda’u NASA’n shallageera.

Astirooyidiin hunda caalaa lafatti dhiyaatee jiru kun kiilomeetira miliyoona 1.8 dacheerraa fagaaatee jira jedha NASA’n.

Qorattoonni ammas taanaan ragaalee barbaachisoo sassaabutti kan jiran yoo ta’u, ragaaleen kun tarii waanta raagame kanallee geeddaruu malu jedhan.

Astirooyidiin kun maqaa masoo 2023 DW jedhamu kan argate yoo ta’u, carraan lafa wajjin walitti bu’uun isaa 560 keessaa tokko qofa jedhe Dhaabbanni Qorannoo Hawaa Ameerikaa.

Dhagaan kun garuu dhiibbaa cimaa ta’ee akka hin qaqqabsiifne NASA’n raage.

Dhagaa kun hawaasatti yaaddoo akka hin uumne giddugaleessi yaalii NASA tokko ibseera.

Injinarrii balalii dhaabbatichaa Deevid Farnochiyaa jedhaman “waanti kun keessattuu yaaddeessaa miti,’’ jedhani CNNtti himan.

Dhagaan ‘2023 DW’ yoo nutti bu’eyyuu dhiibbaa akka isa waggoota miliyoona 66 dura lafa dha’ee daayinoosarii lafarraa duguugee miti jedhan Farnochiyaa.

Dhagaan samii gaafas daayinoosara sanyii lafarraa balleesse km12 kan bal’atu ture jedha barruu Scientific American.

Haa ta’u malee, astirooyiidiin ‘2023 DW’ kun magaalota gurguddoo iddoo qubsumni namootaa rukkatutti kan bu’u yoo ta’e, badii guddaa qaqqabsiisuu danda’a.

Urjii furguggifamtuun guddinaan walakkaa astirooyiidii ‘2023 DW’ gahu ganna 10 dura, Raashiyaa Chelyabinsk’tti dhoo’uun namoota 1500 irra miidhaa geessisee ture. Foddaawwan manneen maayil iskuweerii 200rratti argamaniis hunkuteessee ture.

Astirooyidiin dacheetti bu’uuf carraan qabu akkaan bicuu tahus, garuu saayintistoonni akkaatti taateen akkasi yoo mudateef jedhanii waggootaaf of qopheessaa turan.

Onkololeessa dabre kanayyuu Nasa’n yaalii Double Asteroid Redirection Test (Dart) jedhu gaggeessuun, asteroyidii bicuutti beekaadhuma xiyyaar-samii itti buusuun daandiisaa jijjiirsisuu danda’aniiru.Maddii BBC Afaan Oromoo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *