.
Atileet Siifan Hasan dorgommii maraatoonii Landan kana saatii 2:18’fi 33’’ saatii lama, daqiiqaa 18 fi sekoondii 33’n xumuruun injifatte.
Siifan dhalattuu Itiyoophiyaa Naannoon Oromiyaa biqilche Neezerlaandiiif fiigdudha.
Fiigicha kanaan Atileet Magartuu Alamuu immoo 2ffaa baateetti.
Atleeti Magartuu Alamuu dorgommicha sa’aatii 2 fi daqiiqaa 18 fi sekoondii 37’ n xumuruun 2ffaa baate.
Atileetiin Keeniyaa Peerees Jepchirchir 3ffaan xumuruu dandeesseetti.
Fiigichicha ramaddii Dhiiraan Atileetiin Keeniyaa Keelviin Kiptam sa’aatii 2 fi daqiiqaa 1 fi sekoondii 25 ‘n galuun injifateera.
Atileetiin Itiyoophiyaa Taammiraat Tolaa 3ffaa bahuun dorgommicha xumureera.
Atileetonni fiigicha fageenya dheeraan beekamoo ta’an Atileet Qananiisaa Baqqalaafi Moofaaraan dorgommii Maaraatonnii Landan kanarratti hirmaataniiru.
Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/A