Ayyaanni Irreechaa bifa duudhaa isaa eeggateen akka kabajamuuf gahee gama keenyaa ni baana jedhan dargaggoonni bulchiinsa magaalaa Adaamaa.

Akkaataa kabaja ayyaana irreechaa ilaalchisee mariin dargaggoota hirmaachise bulchiinsa magaalaa Adaamaatti taa’ame.


Waltajjii marii kana haasawa gabaabaan kan saaqaan itti gaafatamaan paartii badhaadhinaa bulchiinsa magaalaa Adaamaa obbo Ashannaafii Ajjamaa, kaayyoo guddaan marii kanaa akkaataa ayyaana irreechaa karaa nagaa qabuun kabajuun danda’amurratti kallattii walii kaa’ufi jedhanii, ayyaanichi bifa aadaaf duudhaa isaa eeggateen akka kabajamuuf  gaheen dargaggeessaa olaanaa ta’uu dubbatan.

Waltajjii marii kanarratti barreefama gabaabaa ka’uumsa mariif ta’u kan dhiyeessan  Itti gaafatamaan Waldaalee paartii badhaadhinaa magaalaa Adaamaa obbo Bashiir Fayyisoo, Oromoon jaarmiyaalee gurguddoo eenyummaasaa,sirna bulchiinsaa isaa, diinagdee isaa, aadaa isaa fi jiruuf jireenya isaa keessatti tikfatu qabaachuu himanii, isaan keessaa sirni gadaa tokko ta’uu fi irreechi ammoo duudhaa sirna gadaa keessaa tokko ta’uu bareeffama keessatti kaasaniiru. Ayyaanni irreechaa mallattoo tokkummaa, eenyummaa fi araaraa ta’uu bira darbee madda diinagdee uummata Oromoo ta’uu barreeffamichaan tuqaniiru. Ayyaanichi bifa aadaaf duudhaa hawaasichaa eegee fi tokkummaa sabaa fi sablammoota biroo eegeen akka kabajamuuf dargaggoonni hawaasa fi qaamolee nageenyaa waliin ta’uun ayyaanichi nagaan akka xumuramuuf gahee isaanii bahachuu akka qaban barreeffamichi kallattii akeekeera.

Dargaggoonni marii kanarratti hirmaatan Yaadaf gaaffii kaasaniin, mootummaan dargaggoota ija shakkiin ilaaluu caalaa qixa sirriin gurmeessee misooma fi nageenya biyyaaf uummata isaa akka eeggatu gochuu, humna hidhateef waamichi karaa nagaa taasifame gaarii ta’uu fi mootummaan cichoominaan akka mariin xumuramuuf haala mijataa akka uumu fi finxaaleyyii tokkummaan dura dhaabbachuun akka barbaachisu gaafatanii, ayyaanni masqalaa fi irreechaa nagaan kabajamee akka xumuramuufis tokkummaan gahee isaanii akka bahan dubbataniiru.

Yaadaaf gaaffii hirmaattotaa bu’uura godhachuun deebii kan kennan Sadarkaa itti aanaa kaantibaatti itti gaafatamaan damee diinagdee obbo Mulaatuu Dhibbaa, tooftaan diinni ittiin oromoo cabsuuf yaalu isuma duriitii, Oromoon garuu kana bira darbeera jedhan. Oromoon warra kalee isa cabse har’a tokkummaan, wal kabajuuni fi abshaalummaan injifataa jiraa, isin akka dargaggeessaatti dammaquun mootummaa keessan waliin biyyaaf ummata keessan eegaa jedhanii, keessumaa irreechi mallattoo tokkummaa Oromoo waan ta’eef diinni hin feetu,kanaaf isin sirnaaf biyya keessan tikfadhaa jechuun kallattii kaa’aniiru.

Hirmaattonni marichaas nagaa biyyaaf naannoo keenyaa tikfachaa ayyaanni irreechaa aadaaf duudhaa baratameen nagaan akka kabajamuuf gahee keenya ni baaana jedhan.Firaa’ol Doddeetu gabaase

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *