Biiroon carraa hojii uumuu fi ogummaa oromiyaa  Aadaa hojii dargaggootaa akkamiin jijjiiruu dandeenya kan jedhu irratti Artistootaa fi ogeeyyii miidiyaa garaa garaa waliin marii geggeesse.

Artiin karaa gabaabaa ta’een ergaa guddaa dabarsuun hawaasa bashannansiisaa barsiisuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Itti gaafatamaa Biiroo carraa hojii uumuu fi ogummaa Oromiyaa Injinar Eebbaa Garbaa
carraa hojii uumuun gahee mootummaa qofa osoo hin taanee gahe hawaasa sadarkaan jiru hundaati jechuun, keessattuu dargaggoonni aadaa hojii isaanii akka gabbifataniif  Saba keenya dadamaksuun hojitti baasuuf gaheen artistootaa fi ogeeyyii  miidiyaa  ol-aanaadha.

Kanaafuu lammilee keenya hojitti galchuuf kaka’umsi keessanii fi teknooloojii iddoo guddaa qaba waan ta’eef ,biyya kana keessatti amma hojjechuu qabnu yoo hojjenne, jijjiiramni guddaan dhufuu danda’aa jedhan.

leenjiin gabaabaan artistootaa fi ogeeyyii miidiyaa bakka garaa garaa irraa dhufanii saganticha irratti himaataniif kennameera .
leenjichiis Artistootnii fi miidiyaaleen hawaasa  keessatti dhageettii fi jaallatamummaa guddaa waan qabaniif ogummaa qaban fayyadamuun akkaataa dargaggoota barsiisuu fi hawaasa hubachiisuu danda’an irratti kan kennamedha.

Artistootni fi ogeeyyiin miidiyaa saganticha irratti hirmaataan tokko tokkos kanaan dura leenjii fi waliin mari’achuun akkasii kun hin turre jechuun,   guyyaa har’aa leenjiin bareedaan akkasii kun qopha’uun isaa Kan nama gammachisudha jedhan. Kanaafuu nuti artistootni hawaasatti dhiyoo waan jirruuf hawaasa keenya diinagdeen guddisuuf bifa baacoof tapha garaa garaan ergaa dabarsaa hubannoo uumuuf ni hojjenna jedhan.

xummura irrattis hojillee waajjira carraa hojii uumuu fi ogummaa magalaa Adaamaatiin hojjetaman daawwataniru.

Gabaasni Kan Hawweeraa Fiqaaduuti

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *