Biiroon Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa leenjii dandeettii raawwachiisummaa cimsu magaalaa Adaamaatti kennaa ture booda hojiilee adda addaa gama iniisheetiviitiin hojjatamaan daawwate.

Itti aanaa itti gaafatamaa waajjira carraa hojii uumuu fi ogummaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa obbo Fufaa Garmaamaa Karoora xiiqii
milkeessuuf akka magaalaa Adaamaatti sheediiwwaan 920 karoorfaman keessaa, kilaastara aannan loonii 150,horsiisa lukkuu 500,furdisa loonii 150,haaluma karoorfamaniin milkeessuun dandaa’ameeti jira jedhu.

Sheediiwwan hojjataman kunneen bajata mootummaa fi hirmaannaa hawaasaatiin akka hojjataman kan ibsan obbo Fufaan,bu’aawwan barbaadamaniis akka galmaa’an dubbatu.

Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuu Oromiyaa Injinaar Eebbaa Garbaa gama isaaniitiin hoggansi sadarkaa sadarkaan jiru carraa hojii uumuu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf galmoota karoorfaman hojiitti hiikuun danda’ameetijira jechuun,biyyaattiin oomisha addaa addaa oomishuun  Oomisha biyya alaa galu hambiisuun danda’ameeti jira jedhu.

Hojii kana milkeessuu keessatti muummicha ministeeraa fi pirezedantii naannichaa akkasumas hoggansi sadarkaa sadarkaan jiran hojjachuun gahee isaanii bahaniif galata qaban ibsan.

Bara 2016tti loon aannaanii 2, 525,
furdiisa loonii 2,625 hojjachuuf akka karoorfame ibsuun,karooricha milkeessuuf hoggansi hundi xiyyeeffannaa itti kennee hojjachuu qaba kan jedhan Injinaar Eebbaan, magaalaan Adaamaa karoora isheef kennameen hojjachaati jirti jedhan.

Kana malees jedhu deggarsi hojii dhabdootaaf godhamaati jiru dinagdee keenya guddisuu fi carraa hojii uumuu isaa qabatamaan lafatti arguun dandaa’ameeti jira waan ta’eef naannoleen addaa addaa akka muuxxannootti fudhachaati jiru waan ta’eef itti fufuu qaba jedhan.

Daawwattootni daawwiicha irratti arginee dubbifne tokko tokkos magaalaa Adaamaatti hojiileen gama horsiisa lukkuutiin,furdiisa looniitiin,oomisha aannaniitiin hojjatamaati jiran  kan jajjabeeffamuu fi akka muuxxannootti fudhachuun gallee kan irratti hojjanuudha jechuun yaada isaanii ABStti himan.

Kan Gabaase Sisaay Isheetuu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *