Biiroon carraa hojii uumuu fi ogummaa Oromiyaa seekteroota mootummaa garaa garaa waliin gamaaggama raawwii hojii kurmaana 2ffaa geggeese .

Gamaaggamicha irrattis gabaasni   raawwii hojii kurmaana 2ffaa seekteroota mootummaa garaa garaatiin dhiyaateera.

Itti gaafatamaa waajjira kilaastera misooma magaalaa obbo Mulgeetaa Gabrehiwoot kaayyoon gamaaggama kanaa seekteroota mootummaa addaa addaa waliin walitti dhufnee waa’ee cabinsa diinagdee biyya keenyaa irratti mari’achuuf jedhan.

Gabaasni dhiyaate Kunis ji’ottan darban kana keessatti hagam hojjennee, gara fulduraatti maal hojjechuu qabna kan jedhuuf kallattii kan nutti agarsiisudha jechuun, aadaan hojii dargagoota keenyaa jijjiirameera, jalqabbiin keenya waan abdii namatti horudha waan ta’eef gara fulduratti rakkoolee gama dhiyeessii faayinaansiin jiran furuun liqii dargaggoota keenyaaf mijeessuun kan hojii keenya itti fufnu  ta’a jedhan.

Qooda fudhattonni saganticha irratti hirmaatanis gabaasni dhiyaate kan bara kamiyyuu caalaa fooyya’iinsi guddaan Kan mul’atedha jechuun, gara fuldurattis kana caalaa ciimnee kan hojjennu ta’a jedhan.

Itti gaafatamaan  biiroo  caraa hojii uumuu fi ogummaa  Oromiyaa Injinar Eebbaa Garbaa
carraan hojii kan uumamu walitti hidhamiinsa gabaatinidha jechuun, carraa hojii gaafa uumnu immoo eenyuutu fayyadamaa jira, eenyuuf carraan hojii uumamaa jira jennee gaafachuun adda baafachuu qabna jedhan.

Akka naannoo keenyaatti carraa hojii uumuuf hojiin bal’aan hojjetameeras jechuun,
namoota intarpiruunera ta’an seektera hundaa keessatti horachuuf ogummaa dagaagasuudhaan qabeenya qabnuu fi humna qabnu walitti gurmeessinee hojii bu’a qabeessa ta’e hojjechaa  jirra, gara fulduraattis hawasa keenya fayyadamaa taasisuuf diinagdee biyya keenyaa guddisuuf cimnee hojjechuu qabna jedhan.

Gabaasni Kan Hawweeraa Fiqaaduuti

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *