Biiroon Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Labsii bulchiinsa invastimantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa bahe lakkoofsa 249/2015 irratti qaamolee dhimmi ilaallatuuf leenjii kenne.


Saganticha irratti qaamoleen hoggansaa olaanoo sadarkaa naannoo waajjiraaleen investimantiifi industirii sadarkaan jiran kan hirmaatan yoo ta’u, Biirooleen Oromiyaa gara garaa sagantichatti qooda fudhataniiru.

Hogganaan Biiroo invastmantii fi industirii Oromiyaa obbo Ahmad Idriis saganticha haasawa gabaabaan kan saaqan yoo ta’u, gaheen invastimantii fi industiriin diinagdee, hawaasummaa fi ceehumsa teeknooloojii keessatti qaban olaanaa ta’uu dubbatan.

Hogganaan biiroo Abbaa Alangaa walii gala Oromiyaa obbo Guyyoo Waariyoo haasawa baniinsaa taasisaniin leenjichi Seerri investmentii hangam hojiirra oolee kan jedhu kan ittiin ilaalamu ta’uu dubbatan.

Labsii bulchiinsa invastimantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa bahe lakkoofsa 249/2015 irratti gabaasa kan dhiheessan Biiroo Abbaa Alangaa walii gala Oromiyaa irraa ogeessa wixineessa seeraa obbo Ibsaa Camadaa seerri invastimantiin bahu kamiiyyuu naannoo kan misoomsuu,guddina teeknoolojii of keessaa kan qabu,hawaasummaa kan eegu, mirga jiraattotaa kan hin sarbinee fi miidhaa naannoo irraan kan hin geenye ta’uu qaba jedhan.

sagantaa irratti yaada kan kennan itti Aanaa biiroo Abbaa Alangaa Oromiyaa obbo Mallasaa Abbaayneh labsiin bifa haaraan bahe kan hojjachiisuu fi tarkaanfii guddina itti adeemaa jirruuf karaa gaarii kan saaqu ta’uu himan.

Goolaba sagantaan hubannoo fi ibsa dabalataa kan kennan Hogganaan Biiroo invastmantii fi industirii Oromiyaa obbo Ahmad Idriis labsichi qisaasama ture kan hambisuu fi hojjachiisu ta’uu himan. Pirojaktoota misoomaa labsii jajjabeessu ta’uu kan kaasan obbo Ahmad rakkoo hubannoo ogeessaa furuuf hubannoon sadarkaa sadarkaan kan kennamu ta’uu dubbatan.

Hirmaattonni sagantaa yaada Raadiyoo ABS f kennaniin Labsiin bulchiinsa invastimantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa lakkoofsa 249/2015 bahe rakkoolee kana dura labsiin walqabatee nu burjaajessaa fi xaxaa ta’anii turan kan furee fi hanqina qindoominaa seektaraalee jidduu ture ifatti kan hiike galma badhaadhinaa yaannu bira gahuuf kan nu dandeessisu waan ta’eef labsii yeroo murteessaa ta’etti baheedha jedhan.

Muuxannoo Biiroo invastimantii kana fudhachuun seektaroonni biroos labsii akkas fooyya’aa osoo baafatanii hawwii keenya jechuun hojiirra oolmaa labsichaa saffisiisuuf hoggansa sadarkaan jiruu fi Abbootii qabeenyaaf hubannoon osoo kennameen yaada kaasan.
Xaahir Gammaduutu gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *