Biyyi wareegama guddaadhaan ijaarree har’aan geenye, shiraa fi ilaalcha boodatti hafaa finxaaleyyiitin of duuba hin deebitu jedhan qaamoleen hawaasaa magaalaa Adaamaa.

Shira finxaaleyyiin biyya gooluuf taasisaa jiranii fi tarkaanfii mootummaan fudhachaa jiru hordofee Raadiyoon Adaamaa biroodkaastiing sarvisii qaamolee hawaasaa dubbiseera.


Yuuniversiitii Adaamaatti hogganaa intarpiraayizii daldalaa kan ta’an obbo Nagaasaa Lammii, ilaalchi finxaalummaa saba kamiiyyuu kan bakka hin buune, yaadama sammuu murna muraansaa ofittummaa qabuu fi olaantummaaf beekkumsi ana bira jira jedhee yaadu kan garuu injifatee hin beekne fi injifachuus hin dandeenyedha jedhan.

Foinxaalessi gosa hin qabu, garuu kaayyoo isaa galmaan gahuuf daboo waan barbaaduf saba wahii keessa dhokata kan jedhan ammoo yuunivarsiitii saayinsii fi teeknolojii Adaamaatti barsiisaa Huseen wayyoo, carraa biyya bulchuu Oromoon argate kun warri isaan dallansiisu, saba Amaaraa keessa dhokachuun akka waan sabichi miidhameetti fakkeessuu yaalu jechuun, Gaheen Oromoon biyya tana ijaaruu keessatti qabaachaa ture inumaayyuu irraa hir’ifamee himamaa ture, Oromoon biyya tana keessatti aadaadhuma isaatinuu saba jibbu hin qabuu warri olola kana afarsu garuu saba kamuu bakka hin bu’anii jedhan.

Haadha siinqee kan ta’an Aadde Balaayinash Lammaa gama isaanitiin, Misoomni fi fedhiin nageenyaa sabaaf sablammoota biyyaa bira jiru guddaadhaa, kun akka galma hin geenye kan sakaalaa jiru humna finxaaleyyii kanneen mootummaan ummata waliin ta’ee adaba itti gochuu qabaa jedhan.

Sabaa fi sablammoonni biyya kanaa hunduu gammachuudhan ofitti fudhatanii mootummaa jijjiiramaa cinaa hiriiraa turaniiruu har’as itti jiru kan jedhan itti gaafatamaan siyaasaa paartii badhaadhinaa Magaalaa Adaamaa obbo Laggasaa Taliilaa, qaamoleen faayidaan dhuunfaa isaanii tuqamee fi jijjiiramni kun itti hin tolle garuu uummataa fi mootummaa kana adda baasuuf dhagaa gaggaragalchaa jiruu isaan keessaa tokko humna finxaalessa faannoo jedhee of yaamudhaa humni kun tasumayyuu saba Amaaraa bakka bu’uu hin danda’u jedhan.

Itti dabaluudhanis humni kun kanaan duras hoggantoota naannichaa bifa suukkaneessan nyaachaa tureera har’as itti jira kan jedhan obbo Laggasaan, sabni Amaaraa hadheeffatee humna kana balaaleffatuu qabaa, mootummaanis tarkaanfii jalqabe cimsee itti fufaa jedhan.

Barsiisan yuunivarsiitii Saayinsii fi teeknolojii Adaamaa Dr. Abdii Yuuyyaa, hoggansi kun Oromoo keessaa bahuu isaatin addatti Oromoodhaf waan godhe hin qabu, inumaayyuu Oromiyaa keessatti Oromoo fi saboota biroo walqixatti tajaajilaa jira, fedhiin jaraa Itiyoophiyaa akka ofii fedhanitti tolchuu barbaadanii waan dadhabaniif hojii biyya diiguu hojjachaa jiruu saba ofiillee miidhaa jiru jechuun, Oromoon akkuma aadaasaa sabaaf sablammoota biroo haammachuun tokkummaa isaa cimsee humna kana dura dhaabbachuun biyya itti fufsiisuu qaba jedhan.

Dhumarrattis, mootummaan warra marii karaa nagaatti dhufaa jiran waliin marii jabeessuun, humnoota didanii biyya gooluuf yaalan immoo tokkummaa sabootaa cimsuun dura dhaabbachuu qaba jedhan.

Firaa’ol Doddeetu gabaase

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *