Bu’aalee kalaqa dargaggootaa jajjabeessuun guddina biyyaaf murteessaa ta’uu koolleejjiin poolii tekinikaa Adaamaa beeksise.koollejjichi maashina cilee Oomishu qalaquun hojiirra oolcheera.

Kalaqni dargaggoonni yaada isaanii akka ibsatan, fedhii isaanii akka qoratanii fi addunyaa naannoo isaanii jiru irratti dhiibbaa gaarii akka geessisan meeshaa cimaa ta’uu danda’a.

Dargaggummaa fi kalaqni yaad-rimeewwan walitti hidhamanii fi yeroo baay’ee wal-cinaa deemanidha. Dargaggummaan yeroo baay’ee jireenya nama tokko keessatti yeroo inni dargaggummaa, humna qabuu fi dandeettii guutuu ta’e agarsiisa.

Waan haaraa uumuun ammoo dandeettii saanduqaan ala yaaduu, yaada haaraa baasuu fi karaa kalaqaan of ibsuudha.

Raadiyoon ABS isa kana bu’uura godhachuun barsiisaa maashina cilee Oomishuuf tajaajilu kalaqe dubbisee jira.

Koolleejjii poolii teeknikaa Adaamaatti leenjisaa Tashoomaa Lammii maashina kana kalaquuf kan na kakaase qisaasama maallaqaa, humna nama akkasumas bosona ciruun akka hafuuf ta’uu dubbatu.

Baay’inaan biyya kanatti kan beekamu Muka ciruu ta’uu kan himan leenjisaa Tashoomaan kun ammoo hongee fida waan ta’eef maashinni isaan kalaqaan kun ammoo qola bunaa fi sagaaturaa irraa kan cilee Oomishu ta’u himan.

Fuula durattis maashina uffata dha’u kalaqaa kan jiran ta’uu himanii innis shuuraaba akkasumas gaabii fa’a kan hojjetu yoo ta’u harkaan warri dhahan gaabii tokko hojechuuf guyyaa lama itti fudhachuu danda’a maashinni kun garu humna namaa qusachuun daqiiqaa 30 keessatti kan hojjetuu dha jedhan.

Hojiin nama hojjeetuf jira kan jedhan leenjisaa Tashoomaan dargaggoonni hojiin hin jiru jedhanii maatii isaani irratti ba’aa ta’an gurmaa’anii hojii uummachuu akka qabanii fi waa kalaquuf duubatti deebi’uu akka hin qabne dhamsaa dabarsan.

Diiniin koolleejjii poolii teeknikaa Adaamaa Obbo Daalee Jaamboo yaada addatti raadiyoo ABS’f keennaniin koolleejjiichi bara kana hojii karoorfate keessaa humna nama baayinaan simachuun warreen simataniifis leenjii idilee fi leenjii gaggabaabootin leenjisuun qawwaa ogummaa isaan qaban kan guutufi ta’u himan.

Leenjistoota kalaqa gara garaa irratti hirmaatan koolleejjiichi kan jajjabeessaa jiru ta’u kan himan Obbo Daaleen keessattu dargaggoota ga’oomsuun hojii kalaqaa irratti hirmatanii hojii mata isaanii uummachuun jireenya isaani akka gaggeeffataniif hojjechaa jiraachuus dubbatan.

Seektaroota motummaa keessas seektarri IMX dargaggoota ga’oomsuu irratti nu cinaa waan jiruuf galma barbaachisu bira ga’u qabna jedhan.

Gabaasni kan Yordaanos Mokonnin.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *