Bulchiinsa magaala Adaamaa kutaa Magaalaa Booleetti pirojektoonni bara 2015 keessa hojjatamaa turan xumuramuun eebbifaman.


Kutaan magaalichaa caaseffama haaraa ammaatiin Aanaa sadiin (3 ) Aanaa Gooroo, Dhaddacha araaraa fi Dhakaa adiin kan caaseffame yoo ta’u piroojektoonni hojjatamanis tajaajila hawaasaa saffisiisuuf ta’uun ibsameti jira.

Piroojektoonni akka kutaa magaalaatti ebbifamanii xumuramuun tajaajilaaf banaa ta’anis piroojektoota buleeyyii fi haaraa dabalatee hirmaannnaa uummataa harka 30 fi bajata mootummaa harka 70n kan hojjataman kanneen akka mana barnootaa bu’uura boruu Aanaa Gooroo keessatti , kaadastara lafaa, Daandii koobil stoonii, Tiraazoo, Biiroo zoonii Aanaaa dhaddacha araaraa keessaa fi bo’oo lolaa, mana murtii aadaa fa’a dabalatee tajaajilaaf banaa ta’uun ibsamee jira

Hoji raawwachiistuun ol’aantuu kutaa magaalaa Boolee Aadde Almaaz Fayyisaa piroojektoota 25 hirmaannaa uummataafi mootummaan ta’uu himuun kunis waliigalaan baasii qarshii mil.2oo fi miil.16 ol ta’uu ibsuun walii gala immoo hojii kaadaastara lafaa caalmaan irratti xiyyeeffachuun hojjachaa turan eebbisuun gaaffii uummataa fi tajaajila hawaasichaa saffisaafi dhaqqabamaa ta’e hojjachaa jiraachuu ibsu .

kantiibaan Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee sirna kanarratti argamuun akka jedhanitti piroojektoonni akka magaalaa keenyaatti hojjataman kan rakkoo uummata keenyaa furuu dand’aniidha jedhanii keessattuu mana barnootaa bu’uura boruu rakkoo ijoollee hawaasa keenyaa furuuf dhimmoota xiyyeeffannoon hojjatamaa turanidha jedhan.

Gama birootiin immoo hojiin kenna tajaajila uummata keenyaallee akka kutaa magaalichaatti kan hojjatame kun haqa uummataa baasuuf tajaajila hawaasa keenya saffisiisuudha jedhanii
kunis gaaffii hawaasa keenyaa yeroo dheerati kan jedhan tajaajila ummataa dhaqqabamaa fi haqa qabeessa bilisaan kennuuf akka ta’e dubbatu.

Qabeenyi inni guddaan qabnu sirna kaadaastara lafaa lafa ittiin bulchinu qabaachuu fi humna namaa hojiif carraaqu horachuudha jedhanii qaamolee hojii kana hojjataniif immoo galanni isaaniif mala jedhan.

Hojiin bara kana hojjanneefi hojiiwwan hojjataman kun kan guutuu ta’u yoo hojii bara dhufuuf humna nuu ta’ e qofa guutuu ta’a kan jedhan Obbo Hayiluun karoora bara 2016 qopheessine milkeessuuf immoo hunduu cimnee galmoota qabanne lafa qabsiisuun hojjachuu qabna jechuun dhaaman.

Hirmaattonni eebbarratti argamanis gama isaaniitiin akka jedhanitti akka kutaa magaalaa keenyaatti hojiiwwan hojjataman kan nu gammachiisanidha jedhanii keessattu hojiin sirna kaadistara lafaa tartiibaafi hojmaata eegee hojiin hojjatame kan kutaa magaalaa birootiif fakkeenyummaa gaarii ta’uu danda’u waan ta’eef hojii fuuldura keenyaatiif humna nuuf ta’a jechuun ABStti himan
Gabaasni kan madiinaa Jaarsoofi Taayyee Abarraati.

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *