Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Kutaa Magaalaa Abbaa Gadaa Aanaa Odaatti Konfiransiin Caasaa Nageenyaa Gaggeeffame.


Nageenyi bu’uura waan hundaati.biyyi tokko nagaa ta’uuf ammoo ga’een caasaa nageenyaa fi qindoominni hawaasaa isaa ol aanaadha.
Caasaan nageenyaa aanaa Odaas isaa kana bu’uura godhachuun nageenya aanaa isaani kabachiisuun konfiransii gaggeessanii jiru.

Haasa baga nagaan dhuftani kan taasiisan bulchituun aanaa Odaa Adde Faxumaa Muhammad namnii hundii nagaan ba’ee akka galuuf caasaan nageenya aanaa keenya ga’ee isiin baatan guddadha.hojii misoomaa fi nageenya aanaa keenya galmaan ga’uuf kana caalaa cimnee ka’uu qabna jechun  caasaa nageenyaa kana galateeffataniiru.

Itti gaafatamaan waajjira paartii badhaadhina kutaa magaalaa Abbaa Gadaa Obbo Masfiin Biraanuu saganticha irraatti argamun ergaa dabarsaniin caasaan nageenyaa aanaa kana hojii guddaa hojjetanii jirtu.ammas konfiransii kana irraa hanqina fi ciminaa keessan adda baasuun jabinaan hojii nageenya irraatti hojechuu qabdu jedhan.

Qindeessan tajaajila poolisii hawaasaa aanaa Odaa saajiin Gezaany Tamirat gabaasaa hojii caasaan nageenya aanichaa hojjetan dhiyeessanin ciminni ture hojii sakatta’insa irratti cimaanii hojechuu, qindoominaan hojechuu, leenjiin keennamu, ayyaanota ummaataa kara naga qabeessa ta’een kabajame darbuu fa’a ta’u kaasani jiru.
Akka hanqinaatti ammo dhimma nageenya irratti  hubannoo ummataaf keennuun gad bu’aa ta’u, dandeettiin itti fayyadamaa teknoolojii gad bu’a ta’u fa’a kasaan sajiin Gezaany.

Caasaaleen nageenyaa konfiransii kana irraatti argaman tokko tokko yaada kennaniin nageenya aanaa keenya kabachiisuuf duubaatti hin deebinu.dhimmi nageenya dhimma si’a tokkoon xumuramuu mitii waan ta’eef qindoomina keenya cimsannee hanqina keenya irraa barachuun hojechuu qabna jedhan.

Ajajaan poolisii kutaa magaalaa Abbaa Gadaa komandar Tafarii Taddasaa saganticha irratti argamun kalattii fuulaa duura ka’aniinis butanii fiiguu akkasumas daldalli seeraan aala ni jira.kanaaf zoonii zooniin qindoomina cimsachuun odeeffannoo wal jijjiruun irraatti hojechuu qabdu jedhan.

Xumura irrattis sagantaan beekamtii caasaa nageenya kanaaf kennameera.
Gabaasni kan Yordaanos Mokonnin.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *