Bulchiinsa magaalaa Adaamaa kutaa magaalaa Abbaa Gadaatti abbootii warraa harka qalleeyyii ta’aniif manneen jireenyaa ijaaramuun kennameef.


Jiraattonni manni ijaarameef kunneen kanaan dura bakka jireenyaa dhabuun manneen kiraa fi namatti hirkattummaadhan waggoota dheeraaf maatii waliin rakkachaa kan turan yoo ta’u. Kanneen galii gadi aanaa qabanii fi of jiraachisuuf rakkataniidha.

Hoji gaggeessaan olanaa kutaa magaalaa Abbaa Gadaa obbo Waadoo Abdulkariim, akka kutaa magaalaa Abbaa Gadaatti rakkoon bulchiinsa gaarii inni guddaan rakkoo mana jireenyaati jedhanii, rakkinicha furuuf bara kana manneen harka qalleeyyii 87 ta’an hirmaannaa abbootii qabeenyaa fi kutaalee hawaasaa garagaraatiin ijaaruuf karoorfachuun hojjachaa jiraachuu himanii, isaan keessaa guyyaa har’aa manneen 22 xumuruun abbootii warraa harka qalleeyyiif furtuu dabarsanii kennuu dubbatan.

Kana males karoora gannaatiin mana 24 ijaaruf karoorfatan keessaa manneen 14 xumuruun fulbaanatti dabarsanii kennuuf akka ta’an himaniiru.

Manneen kunis abbootii qabeenyaa, seektaroota mootummaa kanneen akka waajjira galii, waajjira lafaa kutaa magaalichaa fi waajjira daldalaatiin kan ijaaraman ta’uu dubbachuun qaamolee kanniin galateenfataniiru.

Fuuldurattis qaamolee kanniin dabalatee deeggarsi hawaasaa cimee akka itti fufu waamicha dabarsaniiru.

Qaamoleen ijaarsa manneen harka qalleeyyii kana keessatti qooda guddaa qaban tokko tokko yaada kennaniin namoota harka qalleeyyii maatii isaanii wajjin rakkataa jiran kutaa magaalaa keenya keessatti arguun akka nuti hojii eebbifamaa kana hojjannuuf nu kakaaseera jedhanii, kanas qaamolee garagaraa waliin mari’achuun hirmaannaa goonen rakkoo jiraattota kanneenii furuu dandeenyeerraa jedhan.

Jiraattonni harka qalleeyyin manni kennameef yaada kennaniin, kanaan dura mana kiraa keessatti rakkachaa turuu dubbatanii, yeroo ammaa bulchiinsi magaalichaa rakkoo isaanii hubachuun mana ijaarefii guyyaa har’aa furtuu manichaa fudhachuutti gammadanii namoota hojii gaarii kana hojjatanii fi qaamolee mootummaas galateenfataniiru.

Dhumarrattis namoota manneen harka qalleeyyii kana ijaaraniif waraqaan beekamtii kennameefii Jira.
Firaa’ol Doddeetu gabaase.

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *