Bulchiinsa magaalaa Adaamaa kutaa magaalaa Daabee Aanaa Caffeetti ijaarsa gamoo waajjiraalee aanaatiif Dhakaan  bu’uuraa

kaa’ame.Sirni ijaarsa gamoo waajjira Aanaa Caffee irratti Abbootii Gadaa,haadholii siinqee,hooggansa sadarkaa magaalaa fi kutaa magaalaa dabalatee qaamolee bulchiinsaa fi jiraattonni Aanaa Caffee argamaniiru.

Saganticharratti argamuun ergaa kan dabarsan kantiibaa bulchiinsa magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee  Aanaan Caffee waggoota muraasaan as Aanaa jijjiirama guddaa keessa jirtu ta’uu himuun, sochii jijjiiramaa Aanichatti taaisafamaa jiruuf  bulchiinsaa fi koree Aanichaa kan galateeffatan ta’uu  dubbatan.

Aanaan Caffee Aanaa namni hanqina bulchiinsa gaariin itti dararamu osoo hin ta’in Aanaa kenna tajaajilaa fi pirojaktoota ijaarsaa karoorfaman irratti dabaltee hojjachuu ta’aa dhufteerti  kan jedhan obbo Hayiluun Sochii waajjira ammayyeessuuf Aanichatti taasifamaa jiru kan dinqisiifatan ta’uu  himan.

Bulchiinsi Aanaa Caffee pirojaktootaan fakkeenyummaa gaarii qabu cimsuun waan jalqabe ariitiin xummuruu akka qabu dhaamanii. Hawaasni Aanaa Caffee hoggansa jijjiiramaa utubuu keessatti gahee isaa akka bahatu waamicha dhiheessan.

Bulchaan Aanaa Caffee Obbo Gosaa Tolaa yaada kennaniin baroota muraasa keessatti Aanaan Caffee jijjiirama agarsiisaa dhufuu kaasuun hirmaannaa hawaasaatti fayyadamuun galma walgahii,iddoo hara galfii keessummootaa fi hojjattootaa,kutaalee tajaajila gara garaaf oolan ijaaruu himan. Gamoon sirna dhagaa bu’uuraa kaahuu taasifame gamoo abbaa darbii lamaa fi waajjira Aanaa ta’uun tajaajiluu fi kutaalee gara garaa of keessatti hammatu ta’uu dubbatan.

Ijaarsi gamoo ji’oota jaha qofa kan fudhatu ta’uu kan dubbatan obbo Gosaan baasiin gamoo barbaachisu qarshii miiliyoona 20 ta’uu himan. 

Itti gaafatamaa Waajjira paartii badhaadhinaa Aanaa Caffee obbo Gabayyoo Zannabaa gamoon ijaaramu diizaayinii addaa kan qabuu fi bifa Oromummaa ibsuun kan ijaaramu ta’uu kaasan.

Hirmaannaa hawaasaan hojiilee hedduutu aanichatti hojjatamaa ture kan jedhan  obbo Gabayyoon  abdii hawaasa Aanaa keenyaan gamoo abbaa darbii lamaa ijaaruuf dhakaa bu’uuraa keenyeera jedhan. Waajjiraaleen dura turan galma walgahii ammayyaa hirmaannaa hawaasaan ijaarame waliin kan hin deemnee fi hawaasa aanichaas kan hin madaalle ta’uu dubbachuun waajjira hawaasa Aanichaa madaalu ijaaruuf kan kaka’an ta’uu himu.

Jiraattonni Aanaa Caffee sagantichatti qooda fudhatan yaada Raadiyoo ABS f kennaniin Bulchiinsi Aanaa Caffee bulchiinsa kenna tajaajilaa irratti jijjiirama fidaa jiru ta’uu kaassuun, waan danda’aniin bira dhaabachuun waajjira ammayyaa Aanaa isaaniitti ijaaramuuf tumsa kan taasisan ta’uu dubbatan.
Xaahir Gammaduutu gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *