Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Kutaa Magaalaa Daabeetti hawaasni aanaa Hangaatuu hojii tola ooltummaa Gannaatiin sagantaa arjooma dhiiga gaggeessan.


Magaalaan Adaamaa bara hojii 2015 tiin bajata mootummaa fi hirmaannaa hawaasaatiin hojiilee boonsaa hojjateen magaalota Oromiyaa keessaa walitti aansuun yeroo 3ffaaf 1ffaa bahuun badhaasa argattee jirti.Badhaasichis hojii itti aanuuf haamilee fi kaka’umsa kan dabale waan ta’eef hojii tola ooltummaa gannaatiin hawaasni aanaa Hangaatuu arjooma dhiigaa gaggeessee jira.

Bulchaan Bulchiinsa aanaa Hangaatuu obbo Diribaa Dhaabaa haala karoorfanneen
hojjachuu keenyaan magaalaan Adaamaa 1ffaa bahuu ishee keessatti gaheen aanaa keenyaa isaa tokkodha jedhu.Hojii tajaajila lammummaatiin hawaasa aanichaa hirmaachisuun lammiitu lammiif dhaqqaba jechuun dhiiga arjoomaa jirra jedhu.

Hojii tola oltummaa gannaatiin karoora hiixataa baafachuun haadholii hanqina dhiigaa qabaniif akkasumas raayyaa ittisa biyyaatiif akka oluuf gochaa jirra jedhu.Kana malees daragaggoonni aanaa keenyaa hojiilee gurguddoo qabnu hojjachaatti jiru keessatti akkuma kanaan duraa hirmaannaa taasisuun mana harka qalleeyyii ijaaruu fi suphuu,dabtara bituu fi kkf gochuun gahee isaanii akka bahatan ergaa dhaaman.

Itt gaafatamaan paartii badhaadhina aanaa Hangaatuu obbo Eebbisaa Daggafaa gama isaaniitiin Waan xiqqaa gumaachuun lubbuu ilma namaa baraaruun ni danda’ama jedhu.Namni hojii tola ooltummaa keessatti hirmaachuun bu’aan argamaa jiru olaanaadha waan ta’eef hirmaannaan cimee itti fufuu qaba jedhu.

Jiraattotni aanichaa sagantaa arjooma dhiigaarratti hirmaatan tokko tokkos haadhooliin keenya sababa dhiiga dhabuutiin lubuun isaanii darbuu hin qabu waan ta’ef dhiigaa arjoomuu keenyaan gammachuu olaanaa qabna jedhan.

Kan Gabaase Sisaay Isheetuu

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *