Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Kutaa Magaalaa Danbalaatti marii hawaasa garagaraa waliin gaggeeffame .


Marichii dhadannoo “sab-daneessummaa obbolummaa Nageenya waaraaf badhaadhina hunda galeessaaf”jedhuun kan gaggeffamaa jiru yoo ta’uu hoggantoonni magaalaa irraa dhufanii akkasumaas hawaasni garagaraa kutaa magaalicha hirmaataniiru.

waltajjii marii kanaa kan saaqan Itti Aanaa Hojii Raawwachisa Kutaa Magaalaa Danbalaa Obbo Qaasim Margaa kayyoo marii kanaa Ummata keessatti miira Obbolummaa fi Tokkummaa fiduuf akka ta’ee himan.

waltajjichaa irratti barreeffamni gabaabaa kan dhiyaate yoo ta’uu barreefamichaa keessatti
injifannoo argame itti fufsiisuuf hawaasni gaachanaa misooma waan ta’eef Biyya ijaaruufi Misoomsuf hiriirsuun mootummaa  waliin ta’ee maraammartoo qormaata damdaneessa keessa jirru waliin injifachuun Ashaaraa dhaloota dhufu dhaalchisuuf kutannoon hojjatamaa jiraachuu ka’eera.

Milkaa’inota hojiiwwaan misoomaa adda addaa akka magaalattiitti hojataman fi hojjatamaa jiran itti fufsiisuuf nageenyi murteessaa ta’uusaa ibsameera.

Hirmaattoonni maricha yaada fi gaafii kaasaniin mootummaan Akka biyyaatti ta’e akka magaalattiitti hojiiwwan gaaffii ummata deebisan hedduu hojjateera garuu projektiiwwaan addaa addaa irratti duguuganii xumuruu irratti rakkoon jira, mootummaan keessoo isaa qulquleessuu qaba kanaan immoo nageenya waaraa ni dhufaa jedhan.

Itti gaafatama wajjiraa pabliik sarvisii  fi qabeenya namaa Obbo Dinquu Hundeen yeroo adda addaatti mariin hawaasa  gaggeeffamaa tureera,  hawaasni Keenya hundi dhimma nageenyaa fi misoomaa hubannoo walfakkaataa qabatanii nageenya naannoo isaanii eeggachuuf gahee isaan irraa eeggamu bahu qabuu jedhani jiru.
Saamirawwit Abbabaa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *