Bulchiinsa magaalaa Adaamaa Kutaa magaalaa luugoo aanaa Barreechaatti Daa’imni Yidiidiyaa Daawit jedhamu maatiisaa waliin ta’uun namoota harka qalleeyyiif deeggarsa taasise.


Daa’iimni waggaa 13 maqaan isaa Yidiidiyaa Daawiit jedhamu magaalaa Adaamaa kutaa magaalaa Luugoo Aanaa Barrechaatti bara 2002 dhalate. Daa’imni kun dhalatee umrii 10tti mul’anni nama gargaaruu kan keessatti uumame yoo ta’u hanga har’aatti waggaa waggaan harka qalleeyyii gargaaraa jira.

Guyyaa har’aas namoota harka qalleeyyii 30 ta’aniif Daakuu, Sukkaara, Paastaa, Zayiita nyaataa fi saamunaa qarshii kuma 30tti shallagamu kennee jira.

Daa’imni Yidiidiyaa Daawit gama isaatiin ani umrii koo kanaatti namoota rakkatan gaafan gargaaru gammachuu guddaatu natti dhagahama waan ta’eef namoonni biroos waan qabaniin ilma namaa gargaaruu ni danda’u jedha.

Bulchiituun Aanaa Barreechaa Aadde Buzunash Asaffaa sagantaa deeggarsichaa irratti argamuun akka jedhaniitti hojii tola ooltummaa akka aanaa keenyaatti taasiisaa jirru keessaa daa’imni guyyaa dhaloota isaa ilaalchiise namoota rakkoo keessa jiran gargaaruun isaa addaa isa taasisa jedhu.

Keessaattuu yeroo qaala’iinsi akka addunyaatti uumamee jiru kanatti mucaan xiqqaan kun waan maatii fi fiiroottan isaa irra argatu walitti qabachuun taasisaa jiru kun akka muuxxannootti fudhatamuu qaba jechuun namoonni Cidhaa fi dhimmoota adda addaaf baasii humnaa ol ta’aniif saaxilamuu irraa of qusachuun hojii tola ooltummaa akkanaarra oolchuu qabu waan ta’eef aadeeffamuus qaba jedhu.

Qindeessaa garee aadaa walgargaarsaa fi moobilaayizeeshinii uummataa Obbo Indaalaa Girmaa Hojiin daa’iimni kun qabatee deemaa jiru kun kan jajjabeefamudha jechuun aadaan walgargaarsaa kun immoo manneen barnootaa keessatti baballachuu fi cimees itti fufuu qaba jedhu.

Namoonni deeggarsi taasifameef yeroo waqtii gannaa fi yeroo jiruu fi jireenyi qaala’ee jiru kanatti deeggarsa argachuun keenya nu gammachiiseera jedhan.

Kan gabaase Sisaay Isheetuu

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *