Bulchiinsa magaalaa Adaamaa Kutaa magaalaa Luugoo Aanaa Barreechaatti mana harka qalleeyyii suphuun eegalame.


Hojiilee insheetivii mootummaan labsee hojjetamaa jiru keessaa tokko tajaajila lammummaatiin hawaasa guutuu hirmaachiisuun Mana harka qalleeyyii ijaaruu fi suphuun akkasuma hojiileeen tola ooltummaa biroo jalqabamee jira.

Bu’uuruma kanaan hawaasni kutaa magaalaa Luugoo Aanaa Barreechaa sadarkaa adda addaa irraa jiru tajaajila lammummaa gannaatiin manneen harka qalleeyyii ijaaruu fi suphuu eegalaniiru.

Bulchituun Aanaa Barreechaa Adde Buzunash Asaffaa Sagantaa jalqabsiisa hojii tajaajila gannaa irratti argamuun haasa’aa taasisanin akka Aanaa Barreechaatti hojii tajaajila lammummaa manneen harka qalleeyyii suphuu fi haaraa ijaaruu 12 qabamee hojiitti kan galame ta’uu ibsaniiru.

Hojiin tajaajila lammummaa kun qaamni hawaasaa hundii qabeenyaa,beekumsaa fi humna qabaniin kan hirmaatan ta’uu kan dubbatan Aadde Buzunash ganna kana manneen harka qalleeyyii ijaaruu fi suphuu ,arjooma dhiigaa fi kanneen biroo irratti kan hirmaatan waan ta’ef ammas deeggarsa fi tumsa barbaachisuu hundaan cinaa isaanii akka dhaabbatan dhaaman .

Itti gaafatamaan Wajjiira paartii badhaadhinaa kutaa magaalaa Luugoo Obbo Bariisoo Baqqaalaa ergaa dabarsaniin akka kutaa magaalichaatti ganna kana keessaa hojiilee tajaajila lammummaattin Mana harka qalleeyyii haaromsuu fi ijaaruu ,namoota hojii dhabbeyyiif carraa hojii umuun hojiitti galchuu fi kanneen biroo irratti bal’inaan hojjechuuf akka ta’e kaasaniiru.

Hundaa olitti hojii tola ooltummaa ganna kana qaamni raawwatu hawaasa guutuudha waan ta’ef kallatti hundaan hirmannaa isaanii cimsuu akka qaban erga isaanii dabarsanii jiru.

Jaarmiyaaleen dubartootaa hojii kana irratti hirmaatan yaada raadiyoo ABS’f kennaniin wanti hunda caalaa nama gammachiisu nama rakkate gargaarudha waan ta’ef hirmannaa waal irraa hin cinne ni taasisna jedhan.

qaamoleen hawaasaa manni suphaamefis bulchiinsa Aanichaa galateeffatanii jiru.

gabaasni kan Tashoomaa Urgiiti.

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *