Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa kutaa Magaalaa Luugootti Guyyaan Waloomaa kabajamee ooleera.


Saganticha hasawaan kan saaqan
Hoji raawwachistuun kutaa Magaalaa Luugoo Aadde Kadiijjaa Jamaal tokkummaa keenya cimsuuf sabaaf sablammoota nu cina jiran waliin obbolummaan jirachuu qabna jedhan.

Waltajjicha irratti barreeffama gabaabaa kan dhiheessan itti aanaan hoji raawwachiisaa Kutaa Magaalaa Luugoo Obbo Lammaa Baqqalaa  yaadamoota haaraa maddisiisuu fi tarkaanfilee adda baafaman qixaan bahuun hojii gurguddaa bara 2016tti hojjataman ta’uu himan.

Humna walootiin Imala badhaadhinaa kallattii sirrii qabatee jiru adeemsaalee fi tooftaalee addaa addaa fayyadamuun galmoota qabame milkeessuuf hojii hojjetamaa tureen, karoora raawwachuu irraa darbee muuxannoon isaa argamaa jira jedhan.

Barreeffama dhiyaate irraa yaadaaf gaaffii kan kasaan jiraattonni kutaa magaaliichaa qaala’iinsa jireenyaa jiru injifachuuf hawaasni hundi inisheetiivii mootummaan boce fayyadamuun rakkoo jiru furuu qabna jedhan. Akkasumas itti fayyadamiinsa lafaa seeraan ala jiru, rakkoo nageenyaa mul’atuu irratti xiyyeeffannaa guddaan osoo itti kennamee yaada jedhu kaasan.

Yaadaaf gaaffii hirmaattota irraa ka’eef deebi kan laatan hoji raawwachistuun olaanaa kutaa magaalaa Luugoo Aadde kadiijjaa Jamaal  akka mootummaatti rakkolee hedduu darbuun carraalee hedduu umuun danda’ameera, bu’uura kanaan carraa hojii umuu, rakkoolee kenna tajaajilaa hiikuu fi galmoota kanneen biroo milkeessuuf ni hojjatama jedhan.

Xummura sagantichaa irratti hojjattoota mootummaa fi tola ooltotaaf deeggarsi garagaraa taasifameera.

Saamraawit Abbabaatu gabaase

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *