Bulchiinsa magaalaa Adaamaa Kutaa magaalaa Luugootti hawaasni Qaxanaa 16ffaa Aanaa Dirree Nagaa qaamolee milkaa’ina hojii piroojektii keessatti shoora olaanaa taphatan galateeffachuun beekamtii kenneef.


Sirna beekamtii kana irratti hoji raawwaachiisaan ol’aanaa kutaa magaalaa luugoo obbo Geetaachoo Xaafaa dabalatee, koree hoji raawwaachiiftuu Aanaa Dirree Nagaa fi hawaasni qaxanaa 16ffaa argamaniiru.

Qindeessaan garee bu’uuraalee misoomaa Qaxanaa 16ffaa komaander Danbal Baabsaa haasawaa baga nagaan dhuftanii taasiisaniin misoomni ariifachiisaan akka zoonii keenyaatti akka dhufuuf hoggantoota sadarkaa sadarkaan jiran qaxanaa hanga aanaatti gadi bu’uun of kennanii hojjatanii nu hojjachiisaniif beekamtii kana yoo kenninu ulfina guddaa qabnaaf jedhan.

Bulchaan bulchiinsa Aanaa Dirree Nagaa Obbo Muluqan Nigusee gama isaaniitiin Paartiin badhaadhinaa gaaffilee uummatni gama bu’uuraalee misoomaatiin qabu irratti sadarkaa sadarkaan deebisaa jira. Kun immoo mootummaan keenya mootummaa jijjiiramaa fi tarkaanfataa ta’uu qabatamaan kan namatti agarsiisudha jedhu.

Kanaafuu, hawaasni zoonii16ffaa kan itti aanuuf karoorfatee hojjachuuf kan of qopheessedha jedhu.

Akka Aanaa keenyaatti piroojektoota gosa adda addaa eebbisiisne keessaa hirmaannaa hawaasaatiin qarshii muiliyoona 10 ol akka ta’e kan ibsan obbo Muluqan akkuma kaleessaa kallattii kamiinuu hirmaannaa keessaniin Aanaa keessan cinaa dhaabbachuu qabdu jedhu.

Hojii raawwaachiisaa ol’aanaan kutaa magaalaa Luugoo obbo Geetachoo Xaafaa saganticha irratti argamuun kallattii kennaniin uummannii sadarkaa zooniitiin hojiilee mootummaan isaaf hojjachaa jiru hubachuun beekamtii kennaa deemuu isaaniif ulfina qabu jedhu.

Sagantaan kun hojiilee hanga ammaatti hojjanneef beekamtii nuuf kennuu fi hojiilee itti aanuuf gaaffii qabdan dhiyeessuun akka of qopheessinu kan namaatti agarsiisudha kan jedhan obbo Geetachoon, hirmaannaa walirraa hin citne gaafa gootan gaaffileen keessan deebii kan argatudha jedhu.

Hawaasni zoonii 16ffaa sirna kanarratti arginee dubbifne akkuma kalleessaa hojiilee gama bu’uuraalee misoomaa fi nageenyaatiin hojjaachaa turreen ammas hojiileen misoomaa jiran mootummaa qofaan kan deebi’an waan ta’eef hirmaannaa keenyaan waan nurraa eegamu hunda ni raawwaanna jechuun yaada isaanii ABStti himan.

Xumura irratti waraqaa beekamtii kennuun sagantichi xumurameera.

Kan gabaase Sisaay Isheetuu.

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *