Bulchiinsa magaalaa Adaamaa kutaa magaalaa Luugootti miseensotni waldaalee IMX duulaan bahuun boolla biqiltuu Ashaaraa Magarisaa qopheessan.


Biyyi keenya Itoophiyaan jijjiiramaa qilleensaa qormaata addunyaa ta’aa jiru ittisuuf gahee irraa eegamu bahachaa jirti. Sagantaan ashaaraa magariisaa waggoottan arfan darbaniif bal’inaan hojiirra oolaa tures qaamuma kanaa yoo ta’u milkaa’inni gama kanaan argames biyya keenya Itoophiyaa sadarkaa addunyaatti injifannoo fi beekamtii guddaa gonfachiiseera .

Duula ashaaraa magariisaa bara kanaatiif akka magaalaa Adaamaattis qophiin gahaan taasifamaa kan jiru yoo ta’u, miseensotni waldaalee IMX kutaa magaalaa Luugoos duulaan bahuun gaara Bokkuu shananiirratti boolla biqiltuu qotan.
Saganticharratti miseensotni waldaalee IMX ganda Gaara luugoofi ganda Biiqqaa walitti babbahuun boolla biqiltuun keessa dhaabamu qotan.

Hoji-gaggeessaan mana qopheessaa kutaa magaalaa Luugoo Obbo Naasir Amaan akka himanitti, haalli jijjiirama qilleensaa adeemsa jiruu namaa wantoota qoraa jiran keessaa tokko ta’u kaasanii waggoota arfan darban hojiin biqiltuu dhaabuu hojjetaman haala jijjiirama qilleensaa biyya keenyaa keessatti wantoota salphisanidha jedhaniiru.

Akka kutaa magaalaa Luugootti milkaa’ina hojii ashaaraa magaariisaatif hawaasa qindeessuun bara kana boolla biqiltuu Kuma 800 ol qopheessuuf karoorfamee rawwiin jiru abdachiisaa ta’u ibsanii Hongee fi lolaa dandamachuuf furmaanni jiru hojii jalqabame sagantaa ashaaraa magariisaan cimsinee itti fufuudha jedhaniiru.

Sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaan biqiltuu dhaabuufi kanneen dhaabaman kununsuun jijjiirama haala qilleensaan biyyi akka dandamattu hunduu gaheesaa bahuu akka qabu Obbo Naasir dhaamaniiru.

Itti gaafataman Waajjira Carraa hojii umuu fi ogummaa kutaa magaalaa Luugoo Obbo Abdulqaadir Siraaj dhiibbaa gama jijjiirama qilleensaan dhufu dandamachuuf hojii ashaaraa magariisaa cimsuun filannoo jiru qofaa ta’uu himanii, kanaaf uummanni kutaa magaalaa Luugoo hojii kanarratti hirmaannaa cimaa akka godhu gaafataniiru.

Itti gaafatamtoonni deeskii carraa hojii umuu fi ogummaa ganda Biiqqaa fi Gaara Luugoo yaada Raadiyoo ABS’f kennaniin hawaasa IMX’n gurmaa’an qindeessuun milkaa’ina ashaaraa magariisaaf boolla biqiltuu qopheessaa jirra jedhan.

Biqiltuuwwan waggoota darban dhaabamanis haala gaarii irra jiraachuu kaasanii kunuunsa isaatiin egumsii gahaan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Dhaabbii biqiltuu misooma Ashaaraa magarisaa kana irratti jiraattonni kutaa magaalaa Luugoo gandoota lamaan Biiqqaa fi Gaara luugoo irraa qophii boolla biqiltuu irratti hirmaatan yaada Raadiyoo ABS’f kennaniin sochiin ashaara magaarisaa biyya keenya keessatti eggalamee kun qilleensa mijataa nuuf Kenna jira jedhan.
Biqiltuuwwan yeroo darbe dhaabamanis kunuunsa barbaachisu hunda taasisaa jiraachuu himan.

gabaasni kan Tashoomaa Urgiiti.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *