Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti duulli qulqullinaa hoggansaa fi hawaasa hirmaachise gaggeeffame.


Sagantaa duula qulqullinaarratti hoggansi magaalaa Adaamaa fi jiraattonnii magaalaa akkasumas hojjettoonni mootummaa ganama barii bahuun duulaan naannoo qulqulleessan.
Imala ‘Ismart Adaamaa’ galmaan gahuuf duulaan naannoo qulqulleessun isa tokko yoo ta’u, kunis hawaasa hirmaachisuun yeroo yeroodhaan akka qulqulleessan taasifame.

Hoji gaggeessan mana qopheessaa magaalaa Adaamaa Obbo Mangistuu Nageessoo Qeerroo fi Qarree, akkasumas jiraattota magaalaa keenyaa hirmaachisuun magaalaa keenya akka maqaa ishee jiituufi magariituu taasisuuf qulqulleessaa jirra jedhan.

Idileen torbeen seenee guyyaa jimaataa fi dilbataa yeroo hunda duula qulqullinaa gaggeeffamu irratti hirmaannaan uummataa cimee itti fufuu qaba jedhan.

Itti gaafatamaan Siyaasa paartii Badhaadhinaa magaalaa Adaamaa obbo Laggasaa Taliilaa ji’a keessa torbee Afurtu jira isaan adda qooduun torbee kitaaba dubbisuu fi sosochii miilaa taasisuu,torbee Ispoortii fi torbee qulqullina gaggeessuu tahuu himuun, torbee kana duulaan magaalaa qulqulleessaa jirra jedhan.

Yeroo ammaa roobni roobaati jira waan ta’eef, uummanni keenya balfa bo’ii keessatti gatuun balaa biroof akka hin saaxilamne ergaa Dabarsan.

Itti gaafatamtuun Abbaa taayitaa eegumsa naannoo bulchiinsa magaalaa Adaamaa Aadde Lookoo Alaakee gama isaaniin duulli qulqullinaa torbee torbeen akka kutaa magaalaa fi gandootaatti ni gaggeeffama, torbee lama lamaan akka kutaa magaalaatti Gaggeessaas jirra, piroojektii ‘ Ismarti Adaamaa’ galmaan gahuuf naannoo keenya qulqulleessuun dirqama keenyas jedhan.

Itti aanaa Hoji gaggeessaa fi Itti gaafatamaan damee tajaajilota magaalaa Adaamaa obbo Kookkab Akliiluu Inisheetiivii duula qulqullinaa akka naannoo fi magaalaatti labsame hojirra oolchuuf duulaan Magaalaa keenya qulqulleessurratti hirmaachaa jirra jedhan.

Mootummaa qoftii naannoo qulqulleesse magariisaa taasisuun ni cima waan ta’eef, uummanni fi jiraattoonni itti gaafatamummaa ofii beekuun magaalaa keenya iddoo hojiis tahee naannoo jireenyaa dammaqinaan qulqulleessuu qabu jechuun dhaaman.

Hirmaattonni duula qulqullinaarratti argaman akkuma kanaan duraa sadarkaa kutaa magaalaa fi gandootaatti gahee keenya ni bahanna jedhan.
Xibabuu Hirdofaatu gabaase

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *