Sagantaan kun Mata duree Tokkummaan dhaloota egeree haa ijaarru jechuun kan kabajame yoo ta’u ,sagantaa Kennaa meeshaalee Barnootaa Kanarratti Hoggantoonni ol’aanooon Magaalaa Adaamaa fi Dhaabbata Itiyoo teelee koom, Abbootiin Gadaa akkasumas maatiin Barattootaa argamaniiru
Itti gaafatamaan waajjira Barnootaa Magaalaa Adaamaa Obbo Bariisoo Doorii sagantaa kanarratti argamuun akka jedhanitti Barnoonni waan hunda,kana malees barnoonni lammiii boru biyya ijaaruu qaree baasa waan ta’eef dhaloota immoo barnootaan ceesisuun utubuu dirqama tokko tokkoo keenyaa ta’a jedhan.
Itti dabaluun akka magaaalaa Adaamaatti hojiiwwan babal’aan heddu hojjatamuu kaasuun cinaattis Obbo Bariisoon Hawaasa hirmaachisuun immoo manneen barnootaa bu’uura boruu tokko qarshii miliyoona shanii oliin ol ijaaranii tajaajilaaf banaa akka taasisanis dubbatan.
Gama birootiin Obbo Bariisoon manneen barnootaa suphuufi hojiin haromsuus kan hojjatame ta’uu ibsanii,qaalayiinsa jireenyaa barsiisotaa hir’isuufi barsiisonni akka hin rakkanneef, manneen jireenyaa gatii xiqqaan jiraatuu danda’an haala mijeessuus kaasan .
Guyyaa har’aa guyyaa dhalootaa sababeeffachuun barattoota maatii harka qalleeyyiif dabtara darzana kuma 9fi dhibbi 500akkasumas qalamaafi boorsaan deeggarsa abbootii qabeenyaa fi manneen hojii birootiin argame kan qarshii miliyoona 62 fi kuma 100fi kuma 50olitti tilmaamamu barattoota maatii harka qalleeyyii 9500oliif walitti qabamee kennamuufi himaniiru Obbo Bariisoon.
Darektarri dhaabbata Itiyoo Teeleekoom distriktiii Adaamaa riijinii Kibba Bahaa Haftaamuu Maannayyee sagantaa kanarratti argamuun akka jedhanitti Hojiiwwan babal’aan akka dhaabbata isaaniitti barnootaan deeggaramee hojjatamuu himanii,barnoonni immoo waa hundaaf ,waan hundaan lammii bira akka gahuuf hojiiwwan babal’aan dhaloota egeree barnootaan ceesisuu ammas hojjatamaa jira jedhan.
Kana malees dijitaal laaybararii zooniiwwan arfan qaban irratti hoojjachuufi Magaalaa Adaamaattis barattootni akka itti tajaajilamaa jiran kaasuun ammas deeggarsa meeshaalee barnootaa taasisuu himan darektarri dhaabbatichaa kun.
Itti gaafatamaan siyaasa paartii badhaadhinaa Magaala Adaamaa Obbo Soorechaa Asfaawu saganicharratti argamuun akka dubbatanitti akkuma kanaan dura hojjjataa turree bara haaraa kanas kan duraa caalaa hojjachuun imala keenya milkeessuu qabna jedhanii keessattuu dhaloota boruu biyya dhaalu kanneen barnootaan ijaarree ceesisuun karoora xiiqii gama hundaan qabanne kutannoon galmaan gahuu qabna jedhan.
Kanaaf jedhan Obbo soorechaan ergaa isaaniitiin hojiifi imaanaa nutti kenname tokko taanee wal tumsuun waan eegalle itti fufiinsaan haaceesifnuu jechuun dhaaman.
Barattoonni harka qalleeyyii yoo deeggarsi meeshaa barnootaa taasifamuuf ABS dubbise tokko tokkos gama isaaniitiin deeggarsa kennameefitti gammaduu himanii barnoota isaaniitti immoo cimanii akka baratan dubbatuu.
Madiinaa Jaarsootu Gabbase