Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti Koreen dhaabbii Caffee Oromiyaa qaamolee hawaasa magaalichaa waliin dhimmoota misoomaa fi nageenyaa irratti marii gaggeessaa jira.


Kayyoon ijoo marii kanaa akkaa magaalaa Adaamaatti hojiileen gurguddoo gama misoomaa fi nageenyaatin hojjetamaa turan maal akka fakkaatu, ciminaa fi hanqina adda baasuun fuula duratti irratti hojjechuu akka ta’e ibsameera.

keessattuu qindoominni hojii nageenyaa gidduu jiru maal fakkaata, haqa waloo fiduuf hojiin mana murtii aadaan eegalame sochii maalii irratti argama akkasummas rakkoo bulchiinsa gaarii hundeerraa furuuf kenni tajaajilaa sadarkaa maalii irratti argama, gama biraatin carraa hojii uumuun walqabatee maaltu hojjetamee jira kanneen jedhan yaadoota ijoo marii guyyaa har’aati.

Sagantaa marii hawaasaa kana irratti miseensoni Caffee oromiyaa, qaamoleen hawaasa magaalichaa sadarkaa adda addaa irraa jiru hirmaattota marichaati.

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *