Magaalli Adaamaa guddina caaseefama rijiiyoopolisiitti guddatee walqabatee kenna tajaajila roga maraan sadarkaa kutaalee magaalootaa fi Aanoota irratti hawaasni dhiyeenyaatti deddeebii fi baasii kanaan dura baasu akka hir’atuuf shoora olaanaa gumaachaa jira.
Bu’uuruma kanaan kutaalee magaaloota akka magaalichaatti jiran jahan keessaa tokko kutaa magaalaa Abbaa Gadaatti.
Hojii raawwachiisaan olaanaa kutaa magaalaa Abbaa Gadaa obbo Yimanuu Tashoomaa turtii raadiyoo ABS waliin taasisaniin akka jedhanitti kutaan magaalichaa bara 2009 tti gandoota afuuriin kan caaseefamee ture maqaa Abbaa Gadaatiin akka moogafamu ta’uun faayidaan isaa olaanaadha jedhan.
Inisheetivoota Misooma gara garaa kanneen akka kuduraa fi muduura, loon ananii, furdiisa loonii ,horsiisa lukkuu killee fi biroo kutaa mgaalichaatti bara kana hojjatamaa jiruuraa gabaa tasgabbeessun jijjiramni guddaa dhufaa jiraachuu ibsan.
Kana malees jedhan obbo Yimanuun galmoota Ismaart Adaamaa 10 akka magaalichaatti qabamanii milkeessaa jiran keessaa kanneen akka nageenyummaa magaalichaa eeguuf CCtv kaameeraatti fayyadamuu, hojimaata dijitaaleessuu,qulqullina magaalichaa eeguu,biqiltuu dhaabuu fi kanneen biroo hojjataniin faayidaan isaa olaanaa ta’uu ibsan.
Kenna tajaajila iddoo tokkoo sadarkaa Aanaatti guyyaa wixataa sadarkaa kutaa magaalaatti ammoo guyyaa roobii abbaa dhimmaaf tajaajilli kennamu ariifataa,si’ataa fi qulqulluu ta’ee kennun abbaa dhimmaa ragaa bahaa jiru jedhan.
Tajaajila lamuummaatiniis mana harka qaleeyyii ijaaruu,Gaachana sirnaa keessatti hawaasa hirmaachiisuu,mana murtii aadaa fi buusaa Gonooffaattin bara kana hojjileen jajjabeesaa ta’an hojjatamaa jiru kana cimsanii kan itti fuufsisan ta’uu obbo Yimanuun dabalanii ibsanii jiru.
Keessattu alseerummaa kanneen akka ijaarsa seeraan alaa diigsisuu, daldala seeraan alaa seeratti fiduu fi burjaajii adda addaa dalaalootaan raawwatamu irratti tarkaanfii barbaachiisaa fudhachaa jiraachuus ibsan.
Dhummarrattis hawaasni kutaa magaalichaa hojiilee misoomaa roga maraan hawaasa fayyadan irratti xiyyeefachuun badhaadhina waloo fiduuf tokkummaa fi nageenya keenya cimsaa yoo deemne hiyyummaa seenaa taasisuun muuldhanni guddina keenyaa fagoo waan hin taaneef nu cinaa dhaabbatanii deegeeruu qabu jedhan.
Taayyee Abarraatu gabaase