Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti sagantaan duula ashaaraa magariisaa dhaadannoo ‘egeree keenya har’a haa dhaabnu’ jedhuun ifatti jalqabsiifame.


Bara kana akka naannoo Oromiyaatti biqiltuun bili. 4.5 ol dhaabuuf karoorfamee hojjatamaa jiraachun ni yaadatama. Karoora qabame kana milkeessufis hojii guddaan hojjatamaa jira. Haaluma kanaan bulchiinsa magaalaa Adaamaattis jalqabbii akka naannootti tasifame bu’uura godhachuun dhaabbin biqiltuu gannaa dhaadannoo ‘hegeree keenya har’a haa dhaabnu’ jedhuun, bakka kaantiibaan bulchiinsa magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldee fi koreen qindeessituu magaalichaa argamanitti sirna hoo’aan jalqabsiifameera.

sirnicharratti geggeessitoonni kutaalee magaalaa, abbootii gadaa fi haadholiin siinqee, abbootii amantaa, dhaabbilee mootummaa fi mitimootummaa dabalatee qeerroof qarreen magaalaa Adaamaa argamaniiru.

Waltajjicharratti haasawa baniinsaa kan taasisan kaantiibaan Bulchiinsa magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldee, Adeemsi imala badhaadhinaa waggoottan shanan darban gaggeefamaa ture daandii sirriirra jiraachuun hubatamaa dhufeera jedhanii keessattuu yaadamni ashaaraa magariisaa jijjiirama qilleensaa too’achuurra darbee nyaata keenya sadarkaa olaanaatti ceesisuu fi darbees barnoota addunyaa ta’uu eegalee jira jedhan. Hojiin biqiltuu dhaabuu bara darbe hojjatamaa ture akka magaalaa Adaamaatti fooyya’iinsa qilleensaa fideera jechuun, bara darbe sochiin biqiloota dhaabuu gaarrenirratti xiyyeeffataa turee bara kana immoo gaararraa gara manaatti deebinee mul’ata nyaata koo iddoo kootti jedhuu milkeessun jijjiirama qilleensaa hir’isuurra darbee qaala’iinsa jireenyaa hammaataa dhufe xixiqqeessuu, carraa hojii uumuu fi madda diinagdee akka ta’u gochuurratti kan xiyyeeffateedha jedhan.

Itti dabaluun, sochii magaalaa Adaamaa giddu gala industurii gochuuf hojjatamu keessatti qilleensa magaalittii eeguuf duulli ashaaraa magariisaa kun murteessadha jedhanii, magaala teenya giddu gala turiziimii fi hawattuu taasisuuf imala eegalleen biqiltuu mil.5 giddugala magaalaatti dhaabnu keessaa mil. 2.5 magaalaa keessatti kan dhaabaman ta’uu kaasun dhaabbileen magaalaa Adaamaa keessa jiran hundi biqiltuu dhaabu fi kunuunsuu aadaa akka godhatanis waamicha dabarsaniiru.

Itti gaafatamaan kilaastara qonnaa magaalaa Adaamaa obbo Geetaachoo Hirphoo gama issanitiin, duulli ashaaraa magariisaa hojii biyyi keenya akka afrikaatti ittin beekamte ta’uu himuun, akka magaalaa Adaamaatti bara kana biqiltuu mil. 5 dhaabuuf karoorfanne kana kutaawwan magaalaa dhaabbileen garagaraa fi qaamni hawaasaa iddoo qoodamee kennameefitti dhaabun hanga xumuraatti kan kunuunsan ta’a jedhan.

Gaggeessitoonni kutaalee magaalaa Adaamaa tokko tokko akka jedhanitti, Muknii fi Oromoon adda kan hin baane ta’uu himanii akka kutaa magaalaatti duula ashaaraa magariisaa jalqabame, galmaan gahuuf waadaa galle ni raawanna jedhan.
Manguddoonni duula kanarratti argamanis Oromoon biqiloota waliin hariiroo guddaa qabaachuu himanii, walii gallee biyya jiituu fi nagaa qabdu ijoollee keenyaaf dabarsuu qabna jedhan.

Dhumarratti, biqiloonni miidhaginaaf oolan daandii Alii Birraarratti dhaabamaniiru. Firaa’ol Doddeetu gabaase

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *