Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti yaa’iin hundeeffama Gumii Dargaggootaa fi Dubartoota dhaabbilee amantaa magaalaa Adaamaa gaggeeffame.

Yaa’ii hundeeffamaa kana irratti barreessiituu muummeen gumii dhaabbilee Amantaa Oromiyaa Addee Ayyaantuu Tarfaasaa dabalatee, abbootii amantaalee,abbootii Gadaa fi dargaggoonni kan irratti hirmaatan yoo ta’u, yaa’ichi kadhannaa abbootii amantaalee fi abbootii Gadaatiin kan saaqamedha.

Waajjiira Bulchiinsaa fi nagaeenyaa magaalaa Adaamaatti Abbaan Adeemsaa ijoo dhimma amantaa fi amantaalee obbo Gaarradoo Damissee kaayyoo yaa’ichaa ilaalchiisee haasawaa baniinsaa taasisaniin hojii misoomaa fi amantaalee milkeessuuf gaheen dargaggoota magaalaa keenyaa ol’aanaa waan ta’eef ijaaruu fi hirmaachiisuun barbaachiisaadha jedhu.Kanaafuu jedhu Obbo Gaarradoon aadaa fi safuu amantaalee hubachuun nageenya amantaalee eeguuf hojjachuun murteessaadha jedhu.

Barreeffama mariif dhiyaate keessatti dargaggootni sodaa waaqaa akka qabaatan taasiisuu fi amantaalee isaanii keessatti nageenya waaraa fiduu fi mirkaneessuun gahee isaanii akka bahan kan ibsameedha.Amantaalee kamu keessatti nageenyi isa angafa ta’uu ibsuun,amantaalee kamu keessatti mariidhaan rakkoolee uumaman aadaa hiikaa deemuu gonfachuun barbaachiisa akka ta’ee ibsame.Kana malees, yeroo ayyaanaa iddoowwaan amantaalee itti kabajaman duulaan qulqulleessuu,yeroo soomanaa faxarsiisuun,arjooma dhiigaa taasisuu,mootummaa waliin dhimma nageenyaa irratti marii taasisuu,
manneen amantaalee keessatti kuduraa fi fuduraalee oomishuun hawaasaaf raabsuun hojiilee bara 2015 keessatti akka ciminaatti kan hojjatamaan ta’uu, rakkoo bajataa,hanqina waajjiraalee fi loojistikii jirachuun isaan akka hanqinaaleetti ibsamaniidha.

Hirmattootni yaa’iichaa, amantaalee magaalaa keenya keessa jiran waliin ta’uu fi waldanda’uun nageenyaa irratti dhimma hojjatamuu qabuudha jedhu.
Dargaggootni magaalaa
 warreen nageenya magaalaa keeyaa fi amanataalee jidduu seenuun badiif of qopheessaan of irraa fonqochuu qabana jedhu.Abbootiin amantaa dhimma nageenyaa fi naamuusaa irratti xiyyeeffatanii hojjachuu akka qaban kaasuun, mariin akkanaa kun immoo hawaasaatti gadii bu’uus qaba jechuun yaada fi gaaffiilee qaban dhiyyeessaan.

Barreessiituu Muummee Gumii Dhaabbilee Amanta Oromiyaa Addee Ayyaantuu Tarfaasaa kallaatti kennaniin nageenya biyyaatti eegsiisuu keessatti gaheen dargaggootaa ol’aanaa waan ta’eef dhimma nageenyaa irratti hojjachuu fi kabaja amantaaleef kennuu qabdan jechuun nuttis leenjii adda addaatiin kan isiin cimsinuu ta’a jedhan.

Xumura fooramii irratti bakka bu’oota caasaa dargaggootaa fi dubartoota dhaabbile amantaalee magaalaa Adaamaa filachuun sagantichi  kan xumurameedha.
Kan Gabaase Sisaay Isheetuu.

diyarbakır escort

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *