Bulchiinsaa magaalaa Adaamaa kutaa Magaalaa Abbaa Gadaatti Waldaan Dubartootaa Aanaa Dagaagaa sosochii hubannoo uumuu fi horannaa miseensaa gaggeesse.

Saganticha irratti Itti gaafatamtuun waldaa dubartootaa aanaa Dagaagaa Aadde
Fiqirti Warqee   Kaayyoon waldaan gurma’uu dubartoonni mirgaa siyaasaa, jiruu fi jireenya hawaasummaa,walqixxummaa fi dammaqinaan akka hirmaannaa taasisaan, akkasumas fayyadamummaa isaanii kallattii hundaan ol guddisuuf jedhan.

Itti gaafatamtuu liigii dubartootaa kutaa magaalaa Abbaa Gadaa aadde Abbabech Kaffaaloo dubartootni gama hundaan goota jechuun, misoomni biyya keenyaa itti fufaa akka ta’uuf gaheen keessan olaanaadha jedhan.

Biyya dubartiin hin ijaarree ijaaramuu hin danda’u, Kanaaf ga’ee keessan beektanii gama hundaan ofitti amanamummaa guutuun  hirmaannaa guddaa taasisuu qabdus jedhan.

Itti Gaafatamtuun waldaa dubartootaa Bulchiinsaa Magaalaa Adaamaa aadde Sannaayit Kaliil Aanaalee 19’n jiran keessaa dubartoonni Aanaa Dagaagaa hubannoo waldaan gurma’uun qabu akka argatan, qusannaa fi jireenya hawaasummaa keessatti akka hirmaatan taasisuu, Barnoota al idilee akka baratan akkasumas,  jiruu fi jireenya isaanii akka  jijjiiran hirmaachisuuf Kan gargaarudha jedhan.

Miseensonni waldichaa konfiraansicha irratti himaatan tokko tokko  ijaarama waldaa keenyaa kana cimsnee qusannaa keenya itti fufuun dubartoota mana jiran kanneen biroo illee ofitti dabaluun hirmaannaa taasisaa jirru gama hundaan cimsinee itti fufna jedhan.

xummura irrattis dubartootaa aanichaa adda durummaan hirmaannaa bal’aa taasisaa turaniif warqaan ragaa kennameera.

Gabaasni Kan Hawweeraa Fiqaaduuti

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *