Bulchiinsaa magaalaa Adaamaa kutaa magaalaa Dambalaa Aanaa Malkaa Adaamaatti  innisheetiivii misoomaa Beeyiladaa milkeessuuf hojiin bal’aan hojjatamaa jiraachuu ibsame.

Aanichi sochii hojii misooma Beeyiladaa ilaalchisuun raadiyoo ABS’f ibsa kennee jira.


Inisheetiiviiwwaan mootummaan xiyyeeffannoo addaa itti kennamee hojjetamaa jiru keessaa tokko inisheetivii misooma beeyiladaa yoo ta’ u,Aanichatti furdisa loonii, Aannan oomishuu,akkasumas horsiisa lukkuu fi kanneen biroon bal’inaan hojjatamaa jira.

Namoonni horsiisa loon Aannanii irratti bobba’an ABS dubbise tokko tokko yaada kennaniin, loowwaan horsiisaa jiran irraa Aannan gahaa argachaa jiraachuu himanii, gabaan Aannanii gatiin isaa gadii bu’aa waan ta’eef, mootummaan walitti hidhamiinsa gabaa bal’isuu qabas jedhan.

Itti dabaluunis hojiin horsiisa loonii kun ifaajee qabaatus bu’aan isaa bonsaa fi kan nama gammachisu ta’uu dubbatu.

Itti gaafatamaan waajjira carraa hojii uumuu Aanaa Malkaa Adaamaa Obbo Warquu Tufaa, akka jedhanitti akka Aanichaatti dargaggoota hedduuf carraa hojii uumaa jiraachuu ibsani, omisha Aannani irratti waldaalee 11 karoorfatani waldaalee 8 guutumaa guutuutti hojii kan eegalchiisan ta’uu himani, furdisa loonii irratti waldaalee 8 karoorffachuun  waldaalee 21 gurmeessuun hojitti kan galan ta’uu himan.

Hanga ammaatti aanicha keessaatti waldaalee 120 gurmeessuuf kan karoorfatan ta’uu himanii, waldaa 95 gurmeessuun hojitti kan galan ta’uu dubbatan.

Buchaan Aanaa Malkaa Adaamaa Obbo Alamuu Badhaasaa, bulchiinsi magaalaa Adaamaa jiruufi jireenya jiraattotaa jijjiiruuf tajaajila garagaraa kennaa jiraachuu himani, dargaggoonni eggattummaa keessaa bahee mootummaan haala isaaf mijeesseen fayyadamuun  off jijjiiruu akka qabuu fi  gadi fageenyaan hojjachuu qaba jedhan.

Rakkoolee gama bishaaniin jiru waajjira bishaanii fi hoggantoota kutaa magaalaa  waliin mari’achuun kan furamu ta’uu himan.
Hawwii Abaataa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *