Bulchiinsi magaalaa Adaamaa Atleetota kilabii magaalichaa waldorgommii Atleetiksii akka biyyaa fi naannootti hirmaachuun injifannoon deebi’eef simannaa taasise.

Sagantaa simannaa kana irratti hoggantoonni sadarkaa magaalaatti jiran gara garaa argamaniiru.

Kilabiin Atleetiksii bulchiinsa magaalaa Adaamaa dorgommiilee irratti hirmaachaa ture keessaa fiigicha waldorgommii shaampiyoonaa Atleetiksii naannoo Oromiyaa magaalaa Asallaatti dorgomameen saala lamaaniin warqee 18, meetii 18 fi nahaasa 9 waancaa sadii waliin injifateera.

Fiigich qaxxaamura akka naannoo Oromiyaa magaalaa Sulultaatti gaggeeffameen akka garereetti 1ffaa bahe.

kana malees waldorgommii sadarkaa biyyaalessaatti Jaanmeedaatti gaggeeffame sadarkaa 7ffaan xumure.

Kilabiin kunis waldorgommii Atleetiksii akka biyyaatti qophaa’uuf naannoo Oromiyaa kan bakka bu’an Atleetota dhiiraa 24, dubartoota 13 fi ogeessota 6 filachiisuu danda’eera.

Itti gaafatamaan waajjira dargaggoo fi Ispoortii magaalaa Adaamaa Obbo Mulugeetaa Qaabatoo kilabiin Atleetiksii magaalichaa Atleetota olguddattoota naannoo fi biyyattii bakka bu’uu danda’an horachuuf Hojjetamaa jiraachuu dubbatan.

Atleetonnii fi ogeessonni sadarkaa naannootti filatamanis hojii hojjetamaa jiru kana kan qabatamaan mul’isan ta’uus himan.

Atleetonnis rakkoolee gara garaa isaan mudataniif harka osoo hin kennin kaayyoo isaanii sadarkaa Addunyaatti milkeessuu akka qaban dhaaman Obbo Mulugeetaan.

Hoji gaggeessaan mana Qopheessaa magaalaa Adaamaa fi Pirezidaantiin kilabichaa Obbo Firayaad Maahmud Atleetiksiin damee Ispoortii Aarsaa guddaa gaafatu akka ta’e himuun Atleetota sadarkaa naannoo fi biyyaatti maqaa magaalaa Adaamaa waamsisaa jiran galateeffataniiru.

Itti gaafatamaan waajjira Kantiibaa Magaalaa Adaamaa Obbo Makuraa Dinquu gama isaaniin miira dorgomtummaa Atleetota gidduutti uumuu fi carraa jirutti fayyadamuun injifannoon argamuu akka danda’u milkaa’inni kilabichi dorgommiilee gara garaa irratti argamsiisaa ture ragaadha jedhan.

Xumura irrattis Atleetota kilabichaaf meedaaliyaa argamsiisanii fi leenjistootaaf waraqaan ragaa fi badhaasni kennameera. Boonaa Tasfaayeetu gabaase

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *