Carraa hojii Bal’inaan Uumuun Rakkoo Hojii Dhabdummaa Karaa Hiika qabuun xiqqeessuuf ni hojjenna jedhan hogganaan biiroo carraa hojii uumuu fi Ogummaa Oromiyaa Injiiner Eebbaa Garbaa.

Biroon carraa hojii uumuu fi ogummaa Oromiyaa gamaggama raawwii hojii kurmaana 3ffaa sekteroota naannoo Oromiyaa garaa garaa waliin magaalaa Adaamaatti geggeesse.

Gamaggamicha irrattis gabaasni raawwii carraa hojii uumuu sekteroota naannichaa gama qindeessitoota kilaastaraaleen qindaa’ee dhiyaachuun irratti marii’atameera.

Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa Injinar Eebba Garbaa, Dhimmi carraa hojii uumuu qindoominaa fi tumsa qaama hundaa kan gaafatudha jedhechuun badhaadhina maatii mirkaneessuuf carraa hojii babal’isuun nama dhuunfaa irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus himan.

Akkasumas kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuuf hojjetamaa akka jirus Injinar Eebbaan heeraniru

Naannichatti wabii nyaataa mirkaneessuuf lammiilee hiyyummaa keessa jiran hiyyummaa baasuuf carraa hojii itti fufiinsa qabu uumuuf hojjetamaa jiraas jedhan.

Gama biraattin immoo al-ergi cimsuun oomisha qulqullina qabu oomishuun, sharafa alaa argamsiisuuf, misooma teeknooloojii dagaagsuuf, mootummaan xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa akka jirus himaniiru, akka walii galaattis kurmaana kana raawwiin jiru gaarii ta’uu kaasanii amma illee gara fulduraatti hojiin ballaa kan hafu waan ta’eef ciminootaa jiran jabeeffachuun hanqinoota jiran fooyyessuuf qindoominaan hojjechuu qabna jedhan.

Hirmaattonni sagantichaa tokko tokkos gama carraa hojii uumuuttin hojilleen ballaan hojetameera jechuun, kana keessattis namoota carrraan hojii uumamuuf adda baasnee gurmeesuun leenjii ga’umsaa fudhatanii hojii eegalaniiru, deggersi garaa garaa taasifamaafi tureera jedhan

Haa ta’u malee akkuma hojilleen bu’aa qaban heedduun hojjetamaa turan aammas hawaasaaf hubannoo kenuun guutumaatti hojiitti galchuu irratti harca’attiin waan jiruuf kurmaana itti aanu kanatti hanqinoota turan fooyyessuun ciminootaa jiran itti fufsiisuun qindoominaan kan hojjenu ta’a jedhan.

Hawweeraa Fiqaaduutu gabaase

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *