Dorgommii Maraatoonii Chaayinaatti dorgomameen atileetonni Itiyoophiyaa sadarkaa tokkoo hanga torbaatti walitti aananii galuun injifatan.


Dorgommii Maraatoonii Chaayinaatti dorgomameen atileetonni Itiyoophiyaa sadarkaa tokkoo hanga torbaatti walitti aananii galuun injifataniiru.

Dorgommiiwwan atileetiksii biyyoota adda addaatti torban darban dorgomamaniin atileetoonni Itiyoophiyaa milkaa’aniiru.

Dorgommiiwwan kanneen keessaa dorgommii maraatoonii Laanzhii 2023 atileetoonni Itiyoophiyaa injifataniiru.

Dorgommii maraatoonii kanarratti dhiirootan atileetoonni Itiyoophiyaa sadarkaa tokkoo hanga torbaatti walitti aananii galuun injifataniiru.

Dorgommiicha atileet Hayilemaaram Kiroos sadarkaa 1ffaan yoo xumuru, Afawariq Masfiin, Hayimaanoot Aleewu, Haylee Lammii, Abbaayinee Dagguu, Yohaannis Makaashaa, Dubar Abdiisaa tartiibaan sadarkaa lammaffaa hanga torfaan xumuruun injifataniiru.

Gama dubartootaan immoo atileet Latabirhaan Hayilee sadarkaa 1ffaan xumuruun yoo injifattu, atileet Taaddalech Baqqalaa sadarkaa 2ffaan xumurte.

Biraazil magaalaa Riyoo Dejenariyootti dorgommiin maraatoonii kan dorgomameen ammoo atileet Zinaash Dabbabaa sadarkaa 1ffaan goolabdeetti.

Dorgommii walakkaa maraatoonii Nezarlaanditii dorgomameen immoo atileet Nigist Haaftuu sadarkaa 1ffaan xumurteetti.

Dorgommii kanarratti gama dhiirootaan atileet Haaftuu Takiluufi Ashanaafii Kiroos sadarkaa 2ffaa fi 3ffaan xumuruun injifataniiru.
Ameerikaa Niyuwarkitti dorgommii fiigicha kilommeetira 10 dorgomameen atileetiin Itioophiyaa Sanbaree Tafarii saatiin bakkichaa fooyyeessuun sadarkaa 1ffaan injifateetti.

Dorgommii fiigicha kilomeetira 5 Firaansitti dorgomameen ammoo atileet Madiinaa Isaa saatii bakkichaa fooyyeesuun injifateetti. OBN

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *