Fiicheetti barataan kutaa 12’ffaa Konkolaataa kalaqee

Barataa Abrahaam Isheetuu magaalaa Fichee keessa jiraata;Mana barumsaa Abdisaa Agaatti kutaa 12ffaa barachaa jira. Barataan kun yeroo boqonnaasaatti Yuunivarsiitii Salaalee giddu gala Saayinsii fi Teknooloojii keessatti hubannoo kalaqaa gabbifachaa tureera.

Muuxannoo fi hubannoo argateenis Konkolaataa humna annisaa soolaarii fi elektirikaan hojjatu kalaqe. Konkolaataan barataa Abrahaam kalqe kun namota sagal qabachuu danda’a.

Barataan kun yeroo boqonnaasaatti konkolaataa kalaqe tajaajila geejibaatiif olfachuun galii ittiin argachaa jiraachuus himeera.

Kana malees, maashina bishaan hoo`isu dabalatee kalaqoota biraas hojjechuusaa Abrahaam himeera. Ammahaa Geetaachotu gabaase OBN

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *