Hoggansi bulchiinsa magaalaa Adaamaa sadarkaa adda addaa irraa jiru akkaataa Ayyaana masqalaa fi Irreechaa milkeessuun danda’amuu irraatti marii  gaggeesse.

Kayyoon ijoonmarii kanaa Irreechi sirna galatteeffanna ,araaraa,obbolummaa ta’uu hubachiisuufi uummanni Oromoo akka sabaatti  aadaa duudhaa fi safuun isa kan itti agarsiisu ta’e akka kabajamu taasisuufi.

Gama birootiin Irreechi aadaa obbolummaa,diinagdee, hawaasummaa fi diploomaasii kan guutuu fi waltajjii tokkummaa itti muldhatu taasisuufi.

Uummanni oromoo Saba guddaa gaanfa Afriikaa ta’uu isaa irraan kan ka’e aadaa,duudhaa,seenaa isaa baroota dheeraaf kunuunfatee  asiin gahe ta’uu barreeffama mariif dhiyaate keessatti ibsameera.

Akkasumas sirni gadaa ,sirna bulchiinsa diinagdee,siyaasaa fi hawaasummaa uummata oromoo ta’uun jaarraa hedduuf tajaajilaa as gahuu barreeffamichaan ka’ee jira.

Itti gaafatamaan Waajjiira paartii badhaadhinaa magaalaa Adaamaa Obbo Ashannaafii Ajjamaa akka jedhanitti hoggansi sadarkaan jiru kamuu akkaataa Ayyaana masqalaa fi Irreechaa milkeessuun danda’amu irratti gahee isaa bahachuu qabu jedhan.

Hundaa olitti hoggansi kamuu hojii misoomaa fi nageenya magaalichaa kallattii hundaan xiinxala gadi fageenyaa taasisuu akka qaban dhaaman.
gabaasni kan Tashoomaa Urgiiti.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *