Hojii misoomaa keessatti hawaasa abboomsuun humna misoomaa jiru qindeessuun hojiirra oolchuun hojiilee fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan hojjechaa jiraachuu kutaa magaalaa Daabeetti bulchiinsi aanaa Caffee beeksise.

Aanichatti  gamoon waajjira bulchiinsaa abbaa darbii lamaa hirmaannaa uummataa qarshii Miliyoona  27’n  ijaaramaa jira.

Bulchaa Aanaa caffee kan ta’an obbo Gosaa Tolaa akka aanaa keenyaatti  waggoota 2 asitti hojiileen misoomaa baayyeen hirmaannaa uummataa fi deeggersa abbootii qabeenyaatiin ijaaramanii xumuramuun kan hojiif oolan ta’uu kaasanii  keessattuu bara darbe  galma sadarkaa isaa eeggate Miliyoona 17n ijaaramee  hojiif banaa ta’eera  jedhan.

Bara kanas  uummata keenya of cinaa hiriirsuun qaama kam irraa deeggersa utuu hin gaafatiin hirmaannaa uummata Aanaa keenyaa qofaan gamoo abbaa darbii 2 ji’a 6 keessatti ijaarree xumuruuf  karoorfannee hojitti seenee jirra jechuun, yeroo ammaa kanas ijaarsi isaa eegaluun  guyyaa 70 harka dhibba keessaa 92 ga’ee jira  jedhan.

Gamoon  kunis waajjiraalee 32 kan of keessaa qabuu fi  akkaataan hojii isaa ammayyaaa’aa kan ta’e, duudhaa fi safuu hawaasa keenyaa karaa eeggateen ijaaramaa kan jiruu fi haga ammattis qarshiin miliyoona 19 baasii kan itti ta’edha jechuun himan.
walumaa galatti  guyyaa karoorfanne irraa eegallee turtii ji’a 3 qofa keessatti xummuramuun  hojii kan eegalus ta’a jedhaniiru.

Gabaasni Kan Hawweeraa Fiqaaduuti

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *