Hojiilee Misoomaa Rakkoo Hawaas-Diianagdee Jiraattotaa Furan Xiyyeeffannoo Addaan Raawwachaa Jiraachuu Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti Gandi Hangaatuu Beeksise.


Bulchaan ganda Hangaatuu obbo Dirribaa Dhaabaa raadiyoo FM ABS wajjin turtii taasisaniin gandichatti hojiileen rakkoo hawaas-diinagdee jiraattotaa furanii fi badhaadhina waloof bu’uura kaa’an raawwatamuu ibsan.

Ijaarsi Piroojaktoota bu’uuraalee misoomaa daandii dhakaa bocamaa fi kan biroo yeroo jedhame keessatti xumuramuun tajaajilaaf banaa ta’uu kaasan.

Tajaajila lammummaarratti hirmaannaa hawaasaan manneen harka qalleeyyii ijaaruu fi suphuu akkasumas lammiilee hongeen miidhamaniif qarshii kuma 300 fi kuma 84 fi midhaan kuntaala 400 ol deeggarsi taasifameera jedhu.

Hojiileen misoomaa qarshii miliyoona 30tti shallagaman hirmaannaa hawaasaan raawwatamuu himan.

Tajaajila kennamu si’ataa fi haqa qabeessa gochuun qisaasama humnaa fi qabeenyaa hambisuuf ragaalee/faayiloota/ garagaraa bifa ammayyaa’aa ta’een ‘iskaan’gochuun teechisuunis eegalamuu kan eeran obboo Dirribaan galmoota ‘smart Adama’ milkeessuufis galtee ta’uu jedhan.

Innisheetiivota nyaata koo qe’ee kootti fi maddii guutuu jiraattotni gandichaa haala garagaraan hojiitti hiikaniinis bu’aan jajjabeessaan dhufaniiru jechuun dubbatu.

Bu’aalee galmaa’an akka onnachiftuutti fayyadamuun milkaa’inoota caalan galmeessuuf hawaasa of cinaa hiriirsinee ni hojjanna jedhan obboo Dirribaan.

Jiraattonni gandichaa dubbifne gama isaaniitiin hirmaannaa cimaa eegalle itti fufsiisuun badhaadhina hunda galeessa gandichaa ni dhugoomsina jedhu.

Jamaal Kadiirtu Gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *